Tamsaasa Kallatti:

Gaaffiin abbummaa hulaa galaanaa Itiyoophiyaa, nageenya naannoo mirkaneessuun tumsa irratti kan hundaa’e guddina waloo uuma

Waxabajjii 3/2018 (ENA): Gaaffiin abbummaa hula galaanaa Itiyoophiyaa, nageenya naannoo mirkaneessuun tumsa irratti kan hundaa’e guddina waloo akka uumu ibsani Miseensi Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa fi hayyuun.

Itiyoophiyaan waggoota kurnan sadii dura buufata galaanaa fi qarqara galaanaa addunyaa waliin wal ishee qunnamsiisu akka qabdu turte seenaa keessatti mirkanaa’eera.

Itti aanaan dura taa’aa koree dhaabbii hariiroo alaa fi dhimmoota nageenyaa mana maree bakka bu’oota ummataa Dr. Faatihii Maahdii ENA’tti akka himanitti,shirri abbummaa buufata galaanaa Itiyoophiyaa irratti raawwatame kan nama gaabbisiisu dha jedhani.

Jijjiirama biyyaalessaa Itiyoophiyaan booda gaaffiin abbummaa buufata galaanaa ka’uun isaa tumsa guddina dinagdee ariifataa, guddina baay’ina ummataa fi yaaddoo nageenyaa furuu danda’u horachuu irraa kan madde ta’uu ibsaniiru.

Jijjiiramni biyyaalessaa kun abbummaa seenaa, haqa qabeessa, seeraa fi teessuma lafaa buufata galaanaa waggoota dheeraaf onnee ummataa keessa dhokatee ture irratti iftoomina uumeera jedhan.

Itiyoophiyaan abbummaan buufata galaanaa kanaa qajeeltoowwan karaa nagaa, seeraa fi faayidaa waloo hordofuun dhiyaachuu isheetiinis fudhatama sadarkaa idil-addunyaa fi sababa qabeessummaa ishee guddiseera jechuun ibsaniiru.

Dabalataanis nageenyi naannoo, waliigalteewwan idil-addunyaa, akkasumas dandeettiin marii dippilomaasii qorannoo irratti hundaa’e cimsuun gaaffii kanaaf deebii kennuu akka qabu gorsaniiru.

Lammiileen Itiyoophiyaan abbummaa buufata galaanaa kana irratti qaban filannoo adda addaa hawaasa addunyaa biratti akka hubatamu gochuun faayidaa biyyaalessaa eeguun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Abbummaan buufata galaanaa Itiyoophiyaa tumsa nagaa fi tasgabbii naannoo mirkaneessu, guddinaa fi fayyadamummaa waliinii mirkaneessu kan uumu ta’uu eeraniiru.

Kolleejjii Raayyaa Ittisaa Itiyoophiyaatti qorataa fi barsiisaa kan ta’an Piroofeesar Ayyalaa Bakarii gama isaaniitiin akka himanitti, qaroominnii fi birmadummaan Itiyoophiyaa durii abbummaa buufata galaanaa waliin walitti hidhata guddaa qaba jedhani.

Itiyoophiyaan seenaa, seeraa, teessuma lafaa fi uumamaan abbummaan buufata galaanaa galaana Diimaa, Galoo Galaana Edan fi Galaana Hindii waliinis walitti hidhamee akka ture yaadachiisaniiru.

Waggoota kurnan sadii dura gaaffiin abbummaa buufata galaanaa Itiyoophiyaa ukkaamfamee ture, wayita ammaa qaroominaa fi birmadummaa ishee waliin walitti araarsuuf ajandaa biyyaalessaa ta’ee ka’uun isaa barbaachisaadha jedhaniiru.

#ENA_Afaan_Oromoo #TOI

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015