Tamsaasa Kallatti:

Godina Shawaa Bahaatti qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara Kanaan qabxii fooyya’aa galmeessuuf qophiin taassifameera

Waxabajjii 3/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Bahaatti, qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa baranaa irratti firii garii galmeessisuuf qophiin dandeessisu taasifamuu Waajjirri Barnoota Godinichaa beeksiseera.

Itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Girmaa Lammaa ENA’f akka ibsanitti, bara kana qabxii kan bara darbee caalu galmeessisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa turuu eeranii, keessattuu dandeettii barattootaa cimsuu irratti hojiin bal’aan hojjetameera jedhani.

Yeroo barnootaa idileetiin alatti guyyoota boqonnaatti barnoonni dabalataa (make-up class), qormaatni moodeelaa, akkasumas yeroo tajaajila mana dubbisaa (library) dheeressuu fi deeggarsoonni biroos taasifamaa turuusaanii ibsaniiru.

Manneen barumsaa sadarkaa 2ffaa 28 Godinicha keessatti argaman keessatti meeshaaleen barnootaa fi kitaabonni wabii sirna barnoota haaraatiin qophaa'an guutamuu ibsaniiru.

Kanaanis, barattoonni qormaata biyyaalessaa fudhatan dorgomaa fi gahumsa kan qaban ta'anii firii olaanaa akka galmeessisaniif qophiin taasifamuu addeessaniiru.

Bara kana manneen barumsaa sadarkaa 2ffaa Godinicha keessatti argaman keessaa barattoonni kuma 3 fi 936 qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa akka fudhatan himaniiru.

Itti aanaan hogganaa Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Gooroo barsiisaa Taganyi Muusaa gama isaaniitiin akka ibsanitti; manni barumsaichaa barattoota firii olaanaa galmeessisan horachuutiin bu'aa qabeessa ta'uu ibsaniiru.

Bara darbe qormaata kanaan barataa qabxii 567 fiduun firii olaanaa galmeessise barataa mana barumsaichaa ta'uu yaadatanii, baranas barattoonni 713 qormaata biyyaalessaa fudhatan firii gaarii akka galmeessisaniif deeggarsi barbaachisaan taasifameera jedhaniiru.

Hamma ammaatti gosa barnootaa hundaa yeroon akka xumuramu taasifamee, yeroo ammaa kanatti barnoonni irra-deebii kennamaa jiraachuu dubbataniiru.

Mana barumsaichatti barattuun saayinsii uumamaa kutaa 12ffaa Yennaatfantaa Fiqaaduu yaada kenniteen; firii Yuunivarsiitii ishee seensisu fiduuf deeggarsa barsiisotaarraa taassifamuun alatti, yeroo ishee mana dubbisaa keessatti dabarsuun ciminaan qo’achuun qophaa’aa jirti.

Mana barumsaichaa keessatti kitaabonni wabii gahaan waan jiraniif hiriyoota ishee waliin wal gargaaraa ciminaan qo’achaa akka jiran dubbatteetti.

Barsiisonni firii gaarii akka fidnuuf nu jajjabeessaa jiru kan jedhe ammoo mana barumsaichatti barataa saayinsii hawaasaa Leenchoo Qaasiimi.

Deeggarsa kana fayyadamee qormaatarratti firii caalu galmeessisuuf guyyaa fi halkan qo'achaa akka jiru dubbateera.

Barattoonni mana barumsichaa qormaata baranaatiif qophii gaarii taassisaa jiraachuu isaanii ibseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015