Boordiin Filannoo guyyaa boruu buufataalee filannoo addaatti sagalee kennuuN akka jalqabamu beeksise - ENA Afaan Oromoo
Boordiin Filannoo guyyaa boruu buufataalee filannoo addaatti sagalee kennuuN akka jalqabamu beeksise
Waxabajji 1/2018 (ENA): Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa filannoo waliigalaa 7ffaa boru buufataalee filannoo addaa buqqaatota biyya keessaa fi kaampii waraanaa keessatti argamanitti akka gaggeeffamu beeksiseera.
Boordiin Filannoo filannoo waliigalaa 7ffaa Caamsaa 24, 2018 sagalee kennuun akka gaggeeffame beeksiseera.
Boordichi yeroo ammaa bu’aa waajjiraalee aanaa filannoo irraa gara waajjira muummee boordii dhufu mirkaneessuu, bu’aa odiitii barbaadu qoratee, bu’aa mirkanaa’e gara kuusaa ragaatti galchuuf hojjechaa jira.
Akkasumas, konfiraansii ogeeyyii seeraatiin ragaalee paartilee siyaasaa fi kaadhimamaa dhuunfaa gurmeessuu fi dhaggeeffachaa jira.
Bu’aan adeemsa armaan olitti ibsames akkaataa seeraatiin Boordiif dhiyaatee akka raggaasifamuu fi ummataaf ifa ta’uu isaas Boordichi beeksiseera.
Boordichi bu’uura aangoo “Labsii Filannoo, Galmeessa Paartilee Siyaasaa fi Naamusa Filannoo 1162/2011” keewwata 17’n kennameen, namoota biyya keessaa buqqa’anii fi kaampii waraanaa keessatti buufata addaa hundeessuun jiraattonni kaampii filannoo waliigalaa 7ffaa irratti akka hirmaatan galmeessuun isaa ni beekama.
Kanaafuu, adeemsi sagalee kennuu lammiilee kaampii keessatti filattoota ta’anii galmaa’anii guyyaa boruu akka raawwatamu Boordichi odeeffannoo kana keessatti akeekeera.