Inisheetiiviin maaddii guutuu oomisha aannaniirratti bu’aa qabatamaa fidaa jira - ENA Afaan Oromoo
Inisheetiiviin maaddii guutuu oomisha aannaniirratti bu’aa qabatamaa fidaa jira
Waxabajjii 1/2018(ENA)- Inisheetiiviin maaddii guutuu oomisha aannaniirratti bu’aa qabatamaa fidaa akka jiru gorsaan ministira qonnaa de’eetaan ministiraa Dr. Ifaa Mul’ataa ibsan.
Inistiitiyuutiin qorannoo qonnaa Itiyoophiyaa qorannoo baayoo teeknooloojiitiin aannan itichuu kan danda’u raacitii piroo baayootiikii Itittuu jedhamu ifoomseera.
Inistiitiyuutiin qorannoo qonnaa Itiyoopiyaa guyyaa aannanii idil addunyaa sababeeffachuun waltajjii marii waloo fi agarsiisa gaggeesseera.
Gorsaan ministira qonnaa de’eetaan ministiraa Dr. Ifaa Mul’ataa wayita kana akka ibsanitti, raacitiin piroo baayootiikii Itittuu oomisha biyya alaarraa galu hambisuun sharafa biyya alaa hambisuu kan danda’udha.
Kun ammo oomishtummaa aannanii fi bu’aalee aannaniirratti gumaacha guddaa akka qabu eeraniiru.
Dabalataanis Itiyoophiyaan imaammata qonnaatiin wabii nyaataa fi sirna nyaataa cimsuuf hojii hojjechaa jirtu kan gargaaru ta’uu dubbataniiru.
Inisheetiiviin maaddii guutuu yaada ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad maddisiisaniin hojiirra oolaa jiru oomishtummaa aannaniirratti bu’aa qabatamaa fidaa akka jiru dubbataniiru.
Dureeyyiin damee kanarratti akka hojjetan gumaacha olaanaa gumaachuusaa raacitiin Piroo baayootiik Itittuun oomishtootaa fi dame kanarratti kan hojjetan kan dadammaqsu ta’uu eeraniiru.
Daarektarri olaanaa inistiitiyuutii qorannoo qonnaa Itiyoophiyaa piroofeesar Nugusee Dachaasaa gamasaaniin, raacitiin piroo baayootiik haaraan Itittuu jedhamu dhaabbileen biyya keessaa kan aannan qiqindeessan raacitii sharafa alaatiin biyya alaarraa galchan kan bakka bu’idha.
Bu’aan qorannoo kun sharafa biyya alaa hambisuurra darbee aannan paascharaayizdi ta’e sa’aatii afur keessatti itichuu danda’a jedhan.
Bu’aalee qonnaa inistiitiyuutichi qorannoo irratti gaggeessu keessaa aannanii fi bu’aaleen aannanii isaan ijoo ta’uusaanii ibsanii, oomishichi wantoota wabii nyaataa fi fayyaaf murteessaa ta’an kan of keessaa qabu ta’uu ibsaniiru.
Raacitiin piroo baayootiikii Itittuu oomishtummaa kan mirkaneessu ta’uu kan ibsan ammoo hojii raawwachiisaa olaanaa agiroo industirii Sabbayaa fi pirezidaantii waldaa deeyirii Itiyoophiyaa Mulugeetaa Yimari.
Akkasumas adeemsa oomishaa kan si’achiisuu fi biyya keessatti oomishamuunsaa qaqqabummaasaa kan mirkaneessu ta’uu kaasaniiru.
Guyyaan aannanii idil addunyaa oomishni aannanii sirna nyaataaf akkasumas faayidaan dinagdeef qabu kan itti yaadatamu yoo ta’u, guyyaan kun karaa dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti dhaabbata ntaataa fi qonnaa A.L.A bara 2001 kan hundeeffame taatee idil addunyaa ta’uun ni beekama.