Tamsaasa Kallatti:

Poolisiin Federaalaa haala seenaa fi kabaja Itiyoophiyaa wajjin walsimuun hojjechaa jira - Komishinar Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el

Waxabajji 1/2018 (ENA): Poolisiin Federaalaa haala seenaa fi ulfina Itiyoophiyaa mijatuu fi yeroo waliin walsimuun hojjechaa jiraachuu Ajajaan Olaanaa Poolisii Federaalaa Komishinar Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el himaniiru.

Jijjiirama biyyaalessaa hordofuun haaromsa hojiirra oolche dhaabbatichi amma yakka ittisuu keessatti argama cimaa ijaaruu isaa Komishinar Jeneraal Dammallaash ibsaniiru.


 

Kunis haala jijjiiramaa fi addunyaa dijitaalaa waliin akka tarkaanfatu isa dandeessiseera jedhan.

Poolisiin Federaalaa haala seenaa fi kabaja Itiyoophiyaa wajjin walsimuun hojjechaa jiraachuu ibsuun, yakkoota idil-addunyaa fi biyyoota ollaa ittisuuf hojii milkaa’aa hojjeteera jedhani.

Dhaabbatichi shakkamtoota daddabarsa namoota seeraan alaa kallattii adda addaatiin hirmaatan hoggantoota isaanii dabalatee to'annoo jala oolchuun adeemsa dhaddacha isaanii akka hordofan taasisuus himaniiru.


 

Dhaabbatichi bakkeewwan gochoonni yakkaa akkanaa itti raawwatamaa jiran adda baasuu irratti xiyyeeffatee hojjechaa akka jiru kan ibsan Komishinar Jeneraal kun, hojiin daldala namaa seeraan alaa, lubbuu lammiilee hedduu galaafachaa jiru irratti kutannoodhaan hojjete dhaabbilee idil-addunyaa adda addaatiin dinqisiifannaa guddaa argateera jedhan.

Dhaabbatichi Itiyoophiyaan alatti yakkoota idil-addunyaa to’achuuf gahee isaa bahaa jiraachuu ibsaniiru.


 

Dhaabbilee idil-addunyaa damee kanarratti hojjetan waliin tumsuun dhiibbaan dhaabbatichaa akka guddatu himaniiru.

Gochoonni yakkaa yeroodhaa gara yerootti caalaatti walxaxaa fi teeknooloojiin guddachaa kan dhufan ta’us, Poolisiin Federaalaa dandeettii isaa cimsuun teknooloojii yeroo waliin deemu itti fayadamuun hojii isaa itti fufuu isaa mirkaneessee jira jechuun Faanaa Miidiyaa Koorporeeshiniin gabaaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015