Qorannoo dhaabbilee barnoota olʼaanoo keessatti gaggeeffaman buʼa-qabeessaa fi sirna hojii walfakkaataa akka qabaatan gochuun, milkaaʼina karoora misooma biyyaatiif gahee isaanii akka bahan ni jajjabeeffamu - Ministeera Barnootaa. - ENA Afaan Oromoo
Qorannoo dhaabbilee barnoota olʼaanoo keessatti gaggeeffaman buʼa-qabeessaa fi sirna hojii walfakkaataa akka qabaatan gochuun, milkaaʼina karoora misooma biyyaatiif gahee isaanii akka bahan ni jajjabeeffamu - Ministeera Barnootaa.
Waxabajjii 1/2018(ENA)-Hojiiwwan qorannoo dhaabbilee barnoota olʼaanoo keessatti gaggeeffaman buʼa-qabeessaafi sirna hojii walfakkaataa akka qabaatan gochuun, milkaaʼina karoora misooma biyyaatiif gahee isaanii akka bahan ni jajjabeeffamu jedhe Ministeerri Barnootaa.
Yunivarsiitiin Madda Walaabuu qorattootaafi barsiisotaaf leenjii ijaarsa dandeettii tarsiimoo fooyyaʼiinsa qorannoo ammayyaafi dhimmoota kanaan walqaban irratti xiyyeeffate kennuu jalqabeera.
Sirna jalqabsiisa leenjirratti kan argaman hoji raawwachiisaan dhimmoota qorannoofi tajaajila hawaasaa Ministeera Barnootaa Dr. Sarawiit Handisoo akka jedhanitti, yuunivarsiitiiwwan hojii baruu-barsiisuu cinaatti hojiiwwan qorannoo rakkoo hawaasaa hiikan irratti akka xiyyeeffatan taasifamaa jira.
Icciitiin guddina biyya takkaa buʼaa hojii qorannoofi kalaqa qulqullina qabu geeggessuu taʼuu ibsuun keessattuu; yuunivarsiitiiwwan hojii baruu-barsiisuu cinaatti hojiiwwan qorannoo rakkoo hiikan gaggeessuun naannoo isaanii bira dabranii milkaaʼina galma misooma biyyaatiif gahee isaanii bahuuf sochoʼuu akka qaban ibsaniiru.
Yunivarsitichi leenjii qulqullina qabu kennuu cinaatti hojiiwwan qorannoo rakkoo hawaasaa hiikan gaggeessuun misooma biyyaalessaa jalqabame deeggaruuf hojjechaa akka jiru kan ibsan ammoo Pireezidantii Yuunivarsiitichaa Dr. Birhaanamaasqal Xanaadha.
Yuunivarsiitichi bara baajataa kanatti qorannoowwan hojii qonnaa, kunuunsaafi eegumsa qabeenya uumamaa, fayyaa, tuuriizimiifi dameelee xiyyeeffannoo biroo irratti xiyyeeffatan gaggeessaa akka jiru dubbataniiru.
Yuunivarsiitichi kanaan dura hojiiwwan qorannoo dhuunfaan hojjetamaa turan qindeessuun, hojiiwwan pirojektiifi qorannoo gurguddoo fooyyaʼaafi dhiibbaa uumuu dandaʼaniif xiyyeeffannaa kennuus akeekan.
Leenjiin ijaarsa dandeettii yuunivarsiitichi yeroo ammaa kennaa jiru kunis, qorannoowwan dhaabbaticha keessatti gaggeeffaman rakkoo hawaasaa jiddugaleessa kan godhate, buʼa-qabeessaafi sirna hojii walfakkaataa akka qabaatan kan godhudhas jedhaniiru.
Leenjiin akkasii bajata qusannoon fayyadamuun buʼaalee qorannoo dorgomaafi dhiibbaa uumuu dandaʼan dhiyeessuun dandeettii humna namaa guddisuuf gahee guddaa akka uumu kan ibsan immoo Itti-aanaa Pireezidantii Dhimmoota Akkaadaamii fi Qorannoo Yuunivarsiitichaa Dr. Bazzabbih Wandimmuuti.
Leenjichi sirna qorannoo buʼuraa, naamusa qorannoo, 'Artificial Intelligence',fi mala fandii (maallaqa) barbaaduu irratti kan xiyyeeffate taʼuun ibsameera.
Hayyoonni leenjicharratti hirmaatan gama isaaniitiin, leenjiin sirna qorannoo ammayyaa irratti xiyyeeffate kun buʼaa qorannoo dhiibbaa uumuu dandaʼaniifi fooyyaʼoo taʼan qopheessuuf carraafi humna guddaa akka uumuuf eeraniiru.