Naannoo Oromiyaatti lafa hektaara kuma 240 irratti muduraan misoomaa jira - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Oromiyaatti lafa hektaara kuma 240 irratti muduraan misoomaa jira
Waxabajjii 1/2018 (ENA)-Naannoo Oromiyaatti lafa heektara kuma 240 irratti muduraan misoomaa akka jiru Biroon Qonnaa Naannichaa beeksiseera.
Naannichi haala mijataa misooma muduraaf qabutti fayyadamuun, bara baajataa kana omisha muduraa kuntaala miiliyoona 29 omishuu isaas ibseera.
Biiroo Qonna Oromiyaatti Daarektarri Misooma muduraa Obbo Chaalachoo Addunyaa ENA waliin turtii taasisaniin; naannichatti erga imala jijjiiramaa booda damee misooma muduraaf xiyyeeffannoon addaa kennamee hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Naannichi misooma muduraaf haala qilleensaa mijataa, rooba gahaa fi gosa biyyee mijataa kan qabu waan ta'eef, omishtummaa damee kanaatiif dandeettii olaanaa akka qabu kaasaniiru.
Keessattuu, wabii nyaataa mirkaneessuu fi sirna nyaataa fooyyessuu keessatti shoorri isaa olaanaa waan ta'eef, hojiiwwan hojjetaman hedduun bu'aan akka galmeeffame kan dubbatan daarektarichi, kanaanis fayyadamummaan qonnaan bultootaa guddachaa jiraachuu ibsaniiru.
Kanaan walqabatee, gosoota muduraa kanneen akka paappayyaa, Muuzii, Maangoo, Burtukaana, Appilii fi loomii haala teessuma lafaa fi qilleensa godinaalee bu'uura godhachuun misoomaa akka jiru dabalaniianiiru.
Damee kana bu'a-qabeessa taasisuuf sanyiiwwan muduraa fooyya'an fayyadamuun fi dandeettii raawwachiisummaa fooyyessuun misoomni kun guddachaa dhufuu isaa ibsaniiru.
Kanaanis, bara 2013 misooma muduraa hektara kuma 90 hin caalle ture, yeroo ammaa kana gara lafa hektara kuma 240tti guddisuun misoomaa jiraachuu dubbataniiru.
Naannichi haala mijataa muduraaf qabuun fayyadamee bara baajataa kanaan muduraa kuntaala miiliyoona 29 omishuu isaas dubbataniiru.
Kanneen keessaas kuntaala miiliyoona 8 ol kan ta'u omisha Avokaadoo ta’uu ibsaniiru.
Bara darbe omisha avokaadoo kuntaalli kuma 2 fi dhibba 4 biyya alaatti ergamuu isaa kaasanii, baranas haala fooyya'aan erguuf hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.
Qonnaan bultoonni pakeejii eksteenshinii qonnaa guutummaatti akka hojiirra oolchaniif deeggarsi ogummaa fi leenjiiwwan adda addaa kennamaafii akka jirus daarektarichi dubbataniiru.