Tamsaasa Kallatti:

Agarsiisni Kitaabaa Yuunivarsiitii Finfinnee waggaa 18ffaa mooraa guddicha yunivarsiitichaa Siddisti kiilootti baname

Waxabajji 1/2018 (ENA): Agarsiisni Kitaabaa Yuunivarsiitii Finfinnee waggaa 18ffaa mooraa guddicha yunivarsiitichaa Siddisti kiiloo keessatti banameera.

Agarsiisni kun Waxabajji 1 hanga 7/2018 kan gaggeeffamu yoo ta’u, raabsitoonni kitaabaa, maxxansitoonnii fi manneen kitaabaa 40 ol hirmaataa jiru.

Agarsiisa kitaabaa kana irratti kitaabonni turanii fi haaraan hedduun damee beekumsaa hunda irratti xiyyeeffatan gatii hir’ifameen dubbistootaaf kan dhiyaatan yoo ta’u, kitaabonni haaraan ni eebbifamu jedhamee eegama.

Akka Pireezidaantii eeggataa Itti Aanaa Yuunivarsiitii Finfinnee Dr. Saamu’eel Kifilee waltajjii kanarratti argamanii dubbatanitti, Maxxansi Yunivarsiistii Finfinnee (Addis Ababa University Press) waggoota 50 oliif kitaabota hedduu maxxansee akka dhiyaatu taasiseera jedhani.

Imala yuunivarsiitichi gara ofiin of bulchuutti taasifamu keessatti dandeettii maxxansaa yunivarsiitii Finfinnee guddisuu fi gabaa ammayyaa fayyadamuudhaan qaqqabummaa isaa babal’isuuf tattaaffiin taasifamaa turuu ibsaniiru.

Beekumsa gara dhaloota dhufutti dabarsuu fi dorgomtummaa dhaabbatichaa dhaabbilee walfakkaatan biroo waliin taasifamu dabaluun hubannoo namtolchee fi teeknooloojii dijitaalaa fayyadamuun akka itti fufu ibsaniiru.

#ENA_Afaan_Oromoo #ENA

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015