Manni maree bulchiinsa nannoo Hararii ajandaawwan garagaraa irratti murtee dabarse - ENA Afaan Oromoo
Manni maree bulchiinsa nannoo Hararii ajandaawwan garagaraa irratti murtee dabarse
Waxabajjii 1/2018 (ENA)- Manni maree bulchiinsa nannoo Hararii (Kaabinee) ajandaawwan garagaraa irratti erga mari’atee booda murtee dabarseera.
Manni marichaa jalqaba irratti wixinee labsii Ejensii sabqunnamtii Hararii jedhu maqaa "Hararii Biroodkaastingi Netwoorki " jedhuun deebisee hundeessuuf qophaa'e irratti mari'ateera.
Kuniis aangoo fi hojii dhaabbata sabqunnamtii ummataa sadarkaa guddina dhaabbilee tajaajila ummataa amma irra jiran waliin akka walsimu gochuun tajaajila kannu ga'umsaa fi qulqullinaan hojii bu’a qabeessa ta'e akka raawwatu dandeessisuuf akka haaraatti hundeessuun barbaachisaa ta’uu ibsameera
Manni marichaa wixinee Labsii kana irratti gadi fageenyaan erga mari'ateen booda yaada itti dabaluudhaan akka ragga'u mana marii naannichaaf dabarseera.
Ajandaa Lammaffaatiin wixinee labsii mana marii qindeessaa fi tumsa walta’iinsa godaansa seeraan alaa hundeessuuf bahe irratti mari’ateera.
Dambiin kuni Haala qabatamaa naannichaa jiru bu’uura gochuun qaamoolee dhimmichi ilaalu kan hammate mana marii qindeessaa fi tumsa waloo hundeessuun yakka daldala dhala namaa fi karaa seeraan alaatiin daangaa ce’uu ittisuu fi qaamoolee yakka raawwatan itti gaafatamsiisuuf kan dandeessisu ta'uu eerameera.
Kana malees gurmaa'iinsa hubannoo ummataaf uumuudhaan saaxilamummaa lammiilee hir’isuu fi jijjiirama hundagaleessa fiduuf kan dandeessisu ta'uun ibsameera.
Manni marichaa labsii kanarratti marii bal’aa erga taasiseen booda sagalee guutuun raggaasiseera.
Ajandaa sadaffaatiin wixinee labsii Inshuraansii fayyaa hawaasa fooyyessuuf qophaa’e irratti mari’ateera.
Labsiin kuni hojiiwwan jajjabeessaa inshuraansii fayyaa hawaasaa kanaan dura hojiirra tureen hojjataman fooyyessuu akkasumaas hojimaata kana bifa qindoomina qabuun caasaa bulchiinsa naannichaa sadarkaan jiran hundaan walitti hidhuun bulchuu fi Aadaa wal deeggarsa hawaasa naannichaa cimsuun tajaajila fayyaa qulqulluu, haqa qabeessaa fi itti fufiinsa qabu diriirsuuf kan kaayyeffate tahuu ibsameera.
Kana malees, hojii fi itti gaafatamummaa qaamoolee hoji raawwachiiftuu inshuraansii fayyaa hawaasa keessatti hirmaatan ifatti kaa'uun sirna qabeenya walitti qabuu fi itti fayyadama faayinaansii itti gaafatamummaa qabu diriirsuuf kan dandeessisu ta'uu ibsameera.
Manni Marichaa wixinee labsii kana irratti bal’inaan erga mari’atee booda hojiirra akka ooluuf sagalee guutuun raggaasiseera.
Dhumarrattiis wixinee labsii koomishinii tuuriizimii hundeessuuf bahe irratti mari’ateera.
Naannoon Hararii qabeenya hambaalee lama sadarkaa UNESCO' ti galmeessite dabalatee, hambaalee qabatamaa fi qabatamaa hin tahin hedduu qabdi.
Qabeenya turiizimii kana guddina dinagdee naannichaaf gumaacha qabu guddisuufi iddoowwan hawwata turiizimii haarawaa fi roga ikoo turiizimiitiin bu'aa galmeessuuf gurmaa’insaa fi abbummaan qaama hogganu akka qabaatuu gochuu fi hojimaata diriirsuun dameen turizimii ofiin hogganamu, akkasumaas baajataa fi bulchiinsa humna namaatiin dhaabbata bilisummaa qabu gochuun fayyadamtummaa turiizimii guddisuuf "Koomishiinii Turiizimii" hundeessuun barbaachisaa ta'uu ibsameeera .
Manni Marii naannichaa wixinee labsii kana irratti gadi fageenyaan erga mar'ateen booda sagalee guutuun raggaasiseera.