Tamsaasa Kallatti:

Qulqullinaa fi nageenya nyaataa mirkaneessuuf kan dandeessisan laabraatooriin ijaaramaa jiru - Abbaa Taayitaa Nyaataa fi Qorichaa Itiyoophiyaa

Waxabajji 1/2018 (ENA): Abbaan Taayitaa Nyaataa fi Qorichaa Itiyoophiyaa nageenya nyaataa mirkaneessuuf dandeettii laabraatoorii ijaaraa jiraachuu beeksise.

Abbaan taayitichaa guyyaa nageenya nyaataa addunyaa sababeeffachuun mata duree “Rakkoo nageenya nyaataa irraa gara furmaataatti: Nyaata nageenyi isaa eegame bakka hundatti” jedhuun waltajjii marii gaggeessaa jira.

Daarektarri Olaantuun abbaa taayitichaa Heeran Garbaa wayita sana akka jedhanitti, Nageenyi nyaataa daa’imman dabalatee namoota miliyoonaan lakkaa’aman addunyaa maraaf rakkoo fayyaa ta’uu ibsani.

Itiyoophiyaatti rakkoo fayyaa wabii nyaataatiin dhufu hir’isuuf dandeettiin laabraatoorii fi hojiin ittisaa hojjetamaa akka jirus himaniiru.


Qindoomina qooda fudhattootaa, akkasumas qo’annoo fi qorannoo teeknooloojii cimsuun cancala dhiyeessii nyaataa cimsuuf deeggarsaafi hordoffiin taasifamaa jira jedhaniiru.

Daarektarri olaantuun kun akka jedhanitti, dandeettiin laabraatoorii qulqullinaa fi nageenya nyaataa mirkaneessuuf ijaaramaa jira. Waltajjiin kun nageenya nyaataa mirkaneessuuf waltajjii yaada waliif qoodu ta’uu ibsaniiru.

Akkasumas, bu’uura seeraa cimaan hojiirra kan oolu ta’uu fi laaboraatoorii dambii, sadarkaa nyaataa fi qulqullinaa keessatti dandeettii ijaaruuf akka hojjetamu ibsaniiru.

Guyyaan Nageenya Nyaataa Addunyaa Itiyoophiyaatti yeroo 7ffaaf akka addunyaatti yeroo 8ffaaf sagantaalee adda addaatiin kabajamaa jira.

#ENA_Afaan_Oromoo #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015