Inistitiyuutiin Qo'annoo Qonnaa Itiyoophiyaa Qo'annoo Baayoo teknoolojiitiin Raacitii Piroobaayootikii aannan itichitu "Itittuu" jedhamu ifoomse - ENA Afaan Oromoo
Inistitiyuutiin Qo'annoo Qonnaa Itiyoophiyaa Qo'annoo Baayoo teknoolojiitiin Raacitii Piroobaayootikii aannan itichitu "Itittuu" jedhamu ifoomse
Waxabajjii 1/2018 (ENA) - Inistitiyuutiin Qo'annoo Qonnaa Itiyoophiyaa qo'annoo baayooteknoolojiitiin raacitii piroobaayootikii aannan itichitu "Itittuu" kan jedhamu ifa taasiseera.
Inistitiyuutichi bu'aa qo'annoo haaraa kana kan ifoomse, guyyaa Aannanii Addunyaa ilaalchisee waltajjii marii gamtaa fi agarsiisa har'a qophaa'e irratti.
Waltajjicharratti kan argaman Daarektarri Jeneraalaa Inistitiyuutii Qo'annoo Qonnaa Itiyoophiyaa Piroofeesar Nugusee Dachaasaa akka ibsanitti; raacitiin piroobaayootikii haaraan "Itittuu" jedhamu kun, dhaabbanni Qindeessa aannanii biyya keessaa raacitii maallaqa alaan (sharafa alaa) gara biyyaatti galchuun fayyadamaa turan kan biyya keessaan kan bakka bu'uudha.
Bu'aan qo'annoo kun dhaabbata qindeessa aannan sharafa alaa irraa oolchuu bira darbee, aannan paaschraayizdii ta'e sa'aatii afur keessatti akka ititu gochuu akka danda'u eeraniiru.
Inistitiyuutichi bu'aalee qonnaa qo'annoo irratti taasisu keessaa aannanii fi oomishaaleen aannanii isaan ijoo ta'uu ibsuun, oomishichi wabii nyaataa fi fayyaaf dhimmoota murteessoo ta'an kan qabate ta'uu ibsaniiru.
Inistitiyuutiichi gosa midhaanii fi sanyiiwwan beeyladaa fooyya'an qo'annoodhaan baasuun guddina damee kanaaf gumaacha guddaa taasisasaa akka jiru dabalanii eeraniiru.
Yeroo ammaas oomishtummaa aannanirratti kan xiyyeeffatan qo'annoowwan adda addaa baayooteknoolojiitiin deeggaraman raawwatamaa akka jiran beeksisaniiru.
Guyyaan Aannanii Addunyaa faayidaa oomishni aannanii soorataa fi dinagdeef qabu kan itti yaadannu yoo ta'u, guyyaan kun Dhaabbata Nyaataa fi Qonnaa Mootummoota Gamtoomanii (FAO) tiin A.L.A bara 2001 irraa eegalee kan hundeeffame ta'uun isaa ni beekama.