Tamsaasa Kallatti:

Filannoon Waliigalaa 7ffaa Itiyoophiyaan akka injifattuuf karoora qabameef milkaa’inaan kan itti raawwatedha- obbo Adam Faaraah

Caamsaa 30/2018 (ENA): Filannoon Waliigalaa 7ffaa Itiyoophiyaan akka injifattuuf karoora qabameef milkaa’inaan kan itti raawwatedha jedhan sadarkaa itti aanaa ministira muummee fi itti gaafatamaa giddugala qindoomina ijaarsa sirna dimokiraasii fi itti aanaan pireezdaantii Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraah.


Marii fi madaalliin hoggantoota olaanoo Paartii Badhaadhinaa Naannoo Somaalee, Riizortii Shabaleetti, guyyoota lamaan dabran gaggeeffamaa ture xumurameera.

Obbo Adam Faarah ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin; waltajjicharratti raawwii karoora hojii Paartii Badhaadhinaa hanga guyyaa filannootti ture gadi fageenyaan madaluun, hojiiwwan filannoon booda irrattis hubannoo waloo irra gahameera jedhan.

Boordiin Filannoo, paartilee siyaasaa, humnoonni nageenyaa, dhaabbileen taajjabdootaa fi uummatni kutannoo jabaan sagalee kennuuf hiriire milkaa'ina seena qabeessa kanaaf qooda gumaachaniif galata guddaa galchaniiru.

Waltajjichaan cinattis gaggeessitoonni hojiiwwan misoomaa Magaalaa Jigjigaatti hojjetamaa jiran daawwachuu fi milkaa'ina carraaqqii mootummaa naannichaa fi uummataan galmeeffamaa jiru hubachuu isaanii eeraniiru.

Kanaanis, hojii misooma kooridarii bifa magaalattii guutummaatti jijjiire, Hospitaala Poolisii haaraa humnoota nageenyaaf tajaajila fayyaa olaanaa kennu, akkasumas Tajaajila Giddugala Tokkoo 'Masoob' daawwachuu isaanii ibsaniiru.


Jijjiiramni ariifataan Jigjigaatti argame, bu'a qabeessummaa imaammatoota misoomaa fi bulchiinsa gaarii Paartii Badhaadhinaa qabatamaan kan mirkaneessee fi naannolee biroofis fakkeenya kan ta'u ta'uu eeraniiru.

Waliigalaan, carraaqqii fi kutannoo olaanaan diimokiraasii dhugaa bu'aalee misoomaa, bulchiinsa gaarii fi nageenya qabatamaa waliin qindeessuudhaan, milkaa'ina badhaadhina waliigalaa Itiyoophiyaa qabatamaan mirkaneessuun cimee akka itti fufu hubachiisaniiru.

#ENA_Afaan_Oromoo #TOI #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015