Birmadummaa biyyaa eeguu fi kabachiisuuf wareegama kamiyyuu kaffaluuf qophiidha - qondaaltota waraanaa eebbifaman - ENA Afaan Oromoo
Birmadummaa biyyaa eeguu fi kabachiisuuf wareegama kamiyyuu kaffaluuf qophiidha - qondaaltota waraanaa eebbifaman
Caamsaa 30/2018 (ENA): Gargaarsa ogummaa loltummaa ammayyaa fi beekumsa yeroon gaafatu barnoota isaanii horataniin, qondaaltonni loltuu Mana Barumsaa Leenjii Kaadhimamaa Qondaala Hursoo irraa eebbifaman, birmadummaa biyyaa eeguu fi kabachiisuuf wareegama kamiyyuu kaffaluuf qophii ta’uu dubbatani.
Manni Barumsaa Leenjii Kaadhimamaa Qondaala Hursoo Koorsii obsaa marsaa 27ffaa kaleessa eebbiseera.
Sirna eebbaa kanarratti kan argaman Hogganaan waliigala Raayyaa Ittisa Biyyaa Federaalaa Fiildii Maarshaal Birhaanuu Juulaa kaadhimamaa qondaala yeroo barnoota isaaniitti bu’aa olaanaa galmeessisaniif eebbisuun isaanii ni yaadatama.
Eebbifamtoota keessaa itti aanaa ajajaa dhibbaa Zakkaariyaas Abaatee leenjii fi muuxannoo ammayyaa mana barumsichaa keessatti argatanitti fayyadamuun ergama biyyaalessaa isaaniif kenname kamiyyuu karaa bu’a qabeessa ta’een raawwachuuf qophii ta’uu ibsaniiru.
Qondaalli eebbifaman kan biraa itti aanaa ajajaa dhibbaa Taaddalaa Naaniyoo akka ibsanitti, daangaa Itiyoophiyaa irratti bobba’uun, dantaa biyyattii fi lammiilee ishee eeguun tajaajiluun, ergama ramadaman karaa bu’a qabeessa ta’een raawwachuu irratti muuxannoo guddaa akka isaaniif kenne ibsaniiru.
Ergama isaanii gara fuula duraa gahumsaa fi gootummaa guddaadhaan raawwachuuf leenjiin qabatamaa fi ti’oorii waraanaa yeroo leenjii isaaniitti argatan murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Itti aantuun ajajaa dhibbaa Maastawaal Ballaxaa gamasaaniitiin, miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa dubartoonni qormaanni kamuu jiraatus, birmadummaa fi daangaa Itiyoophiyaa, akkasumas nageenyaa fi ulfina lammiilee ishee mirkaneessuuf hamilee fi gahumsa guddaadhaan hojjechaa akka jiran ibsaniiru.
Itti aantuun ajajaa dhibbaa qondaalli biraa Heewaan Amaan, gara hoggansaatti ce’uun itti gaafatamummaa biyyaalessaa fi ummataa guddaa ta’uu himani.
Biyya isaanii diina alaa fi keessoo irraa eeguu fi kabaja Itiyoophiyaa fi ummata ishee jabeessanii mirkaneessuuf wareegama kamuu kaffaluuf qophii ta’uus dubbataniiru.
#ENA_Afaan_Oromoo #TOI #ENA