Tamsaasa Kallatti:

Filannoon Waliigalaa Torbaffaan filannoo dubartoonni dammaqinaan irratti hirmaatanii fi mirga dimokiraasii isaanii itti fayyadamaniidha

Caamsaa 30/2018 (ENA): Filannoo Waliigalaa Torbaffaan filannoo bilisaa fi haqa qabeessa dubartoonni dammaqinaan hirmaatanii fi mirga dimokiraasii isaanii itti fayyadaman ta’uu Pireezidaantiin Waldaa Dubartoota Magaalaa Finfinnee aadde Innaataalam Indaalee ibsaniiru.

Filannoo Waliigalaa Torbaffaan, Caamsaa 24, 2018 Itiyoophiyaatti gaggeeffame, gareen taajjabdoota filannoo Gamtaa Afrikaa, IGAD fi dhaabbilee hawaasa siivikii adda addaatiin hordoffiin taasifameera.
Waldaan Dubartoota Magaalaa Finfinnee dhaabbilee siivikii naannoo 55 filannoo kana jaajaban keessaa isa tokkodha.

Turtii ENA waliin taasisaniin Pireezidaantiin waldichaa Innaataalam Indaalee filannoon mul’ata dimokiraasii lammiileen mirga isaanii itti fayyadamanii paartii naaf ta’a jedhan itti filatan akka ta’e ibsaniiru.

Biyya cimaa ijaaruuf hirmaannaan hawaasa hundaa murteessaa ta’uu ibsuun, Filannoon Waliigalaa Torbaffaan haala siyaasaa hirmaannaan dubartootaa dammaqinaan itti mirkanaa’e ta’uu ibsaniiru.

Dubartoonni mirga dimokiraasii isaanii akka fayyadamanii fi filannoo waliigalaa irratti dammaqinaan akka hirmaatan, eeyyama Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaatiin barnootaafi hubannoo lammummaa fi filannoo akka kennan ibsaniiru.

Guyyaa sanatti miseensota kuma lamaa ol leenjisuun taajjabdoota filannoo ramaduu isaanii ibsuun, lammiileen hedduun kaardii filannoo isaanii fudhachuun sagalee kennaniiru jedhan.
Akkasumas, lammiileen karaa nagaa, haqa qabeessaa fi dimokiraatawaan gidduu seenummaa tokko malee sagalee kennuu isaanii hubachiisaniiru.

Waldaan Dubartoota Magaalaa Finfinnee bara 1990 kan hundeeffame yoo ta'u, miseensota walakkaa miliyoonaa ol qaba jedhameera.

#ENA_Afaan_Oromoo #TOI #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015