Naannoleen filannoo 825 qabxii kan yeroo ifoomsaniiru-Boordii filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa - ENA Afaan Oromoo
Naannoleen filannoo 825 qabxii kan yeroo ifoomsaniiru-Boordii filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa
Caamsaa 29/2018 (ENA)- Filannoo walii galaa torbaffaa gaggeeffameen naannoleen filannoo 825 qabxii kan yeroo ifoomsaniiruu isaanii boordii filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa
Walitti qabduun boordichaa Meelaatwarqi Hayiluu ibsa miidiyaaleef kennaniin, filannoon walii galaa torbaffaan Caamsaa 24 bara 2018 gaggeeffame hirmaannaa ummataa olaanaa ta’een milkaa’inaan xumurameera.
Guyyaa filannichaa filannoon barii sa’aatii 12 irraa eegalee halkan sa’aatii 6tti xumuramuunsaa ni yaadatama.
Bariituu filannichaarraa eegalee qabxiileen filannoo buufataalee filannootti maxxanfamaa ooluu ibsanii, qabxiileen buufataalee filannoo iccitiidhaan naannolee filannoo geeffamuusaanii fi hojiin walitti ida’uu hojjetamaa turuu himaniiru.
Haala Kanaan boordichi naannolee filanoo, filannoo itti gaggeesse kuma 1 fi 138 keessaa 825 hojii walitti ida’uu guutummaatti xumuranii qabxii yeroo ifoomsaniiru jedhaniiru.
Naannoleen filannoo hafan hojii walitti ida’uu hojjechaa akka jiran beeksisaniiru.
Naannoleen filannoo hafan kunneen guyyaa muraasa keessatti xumuranii qabxii akka beeksisan walitti qabduun boordichaa Meelaatwarqi Hayiluu mirkaneessaniiru.
See less