Tamsaasa Kallatti:

Paartiin Badhaadhinaa Adeemsa Filannoo Waliigalaa 7ffaa fi Raawwii Karoora filannoo paartichaa gamaggamuu eegale

Caamsaa 27/2018 (ENA):– Paartiin Badhaadhinaa adeemsa filannoo waliigalaa 7ffaa fi raawwii karoora filannoo paartichaa magaalaa jigjigaatti gamaggamuu eegaleera.


Waltajjichi Koree Qindeessaa Filannoo Biyyaalessaa Paartii Badhaadhinaa fi hoggantoota olaanoo paartichaa kan federaalaa fi naannoo dhimmi ilaallatu argamanitti gaggeeffamaa jira.


Paartichi karoora filannoo waliigalaa 7ffaa isaarratti hundaa’uudhaan raawwii yeroo duraa fi yeroo filannoo ni gamaggama, ciminootaa fi hanqinootas adda ni baasa jedhamee eegama.


Kana malees, yeroo filannoo boodas dhimmoota xiyyeeffannoo argachuu qaban irratti kallattii ni kaa'a jedhameetu eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015