Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Oromiyaatti barana lafa heektara kuma 370 irratti biqiltuun bunaa ni dhaabama

Caamsaa 29/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaatti barana lafa heektara kuma 370 irratti biqiltuun bunaa akka dhaabamu Biiroon Qonnaa naannichaa beeksiseera.

Godina Jimmaa Aanaa Maannaa keessattis sagantaan dhaabbii biqiltuu bunaa baranaa eegalameera.



Iddoo kanatti argamuun saganticha kan eegalchiisan Hogganaan Biiroo Qonnaa Naannichaa Obbo Geetuu Gammachuu, sanyiiwwan bunaa fooyya'an qonnaan bulaaf dhiyeessuun oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf hojiin hojjetame bu'aa argamsiisaa jiraachuu ibsaniiru.

Barana biqiltuuwwan bunaa biliyoona 2tuqaa 8 qophaa'anii lafa heektara kuma 370 irratti dhaabamaa akka jiranii fi kunis hanga oomisha bunaa walii gala naannichaa gara heektara miiliyoona 3tuqaa 5tti ol akka guddisu ibsaniiru.


Gara fuulduraattis oomishtummaa caalaatti guddisuuf wiirtuuwwan qorannoo qonnaa waliin qindoomuun hojiin sanyiiwwan fooyya'an dhiyeessuun akka itti fufu dubbataniiru.

Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijaanii Naasir gama isaaniitiin waggoottan dabran keessa uwwisni bunaa Godinichaa heektara kuma 300 qofa kan ture, amma gara heektara kuma 600 ol gahuu isaa dubbataniiru.

Baranas biqiltuuwwan miiliyoona 700 lafa heektara kuma 200 ol irratti dhaabuuf karoorfamee hojiin eegalameera jedhaniiru.
Bulchaan Aanaa Maannaa Obbo Samaruddiin Ahimad aanichatti lafa heektara kuma 9 buna dhaabuuf karoorfamee hojii eegalameen, guyyaa har'aa qofa hirmaannaa uummataatiin lafa heektara 100 irratti biqiltuun dhaabamuusaa ibsaniiru.
Qonnaan bultoonni aanichaa kilaasteraan gurmaa'anii jallisiin misoomsuu erga eegalanii as oomishtummaan isaanii haala olaanaaniin guddachuu isaas dabalanii ibsaniiru.


Qonnaan bulaan Aanaa Maannaa Ganda ganda Dooyyuu Biqilaa Gaalii Abbaa Zinaab fi Haafiz Badiruu yaada kennaniin; kanaan dura buna dhuunfaa isaaniitiin oomishuuf yaalii taasisaniin oomishni argachaa turan xiqqaachuu isaa yaadachiisaniiru.


Amma garuu kilaasteraan gurmoofnee oomishuu erga eegallee fayyadamoo ta'uu dandeenyeerra, oomishni fi oomishtummaan keenyas guddachaa dhufeera jedhaniiru.
Qonnaan bultoonni kunneen dabaluunis, yeroo ammaa kana deeggarsi ogeessaa barbaachisaan taasifamaafi waan jiruuf, bara oomishaa kanatti oomisha olaanaa akka eegan ibsaniiru.
 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015