Seenaa siyaasaa Itiyoophiyaa keessatti filannoon walii galaa torbaffaan injifannoo isa olaanaadha-Ministira Mahaammad Idriis - ENA Afaan Oromoo
Seenaa siyaasaa Itiyoophiyaa keessatti filannoon walii galaa torbaffaan injifannoo isa olaanaadha-Ministira Mahaammad Idriis
Caamsaa 29/2018(ENA)- Seenaa siyaasaa Itiyoophiyaa keessatti filannoon walii galaa torbaffaan injifannoo olaanaa godhamee kan fudhatamu ta’uu ministirri nageenyaa Mahaammad Idriis beeksisan.
Carraaqqiiwwan hedduu filannicha gufachiisuuf godhaman fashaleessuun filannoo milkaa’aa gochuun akka danda’ame ibsaniiru.
Ministirichi haala yeroorratti ibsa kennaniin filannicha gufachiisuuf badiiwwan garagaraa hundi fashaleeffamanii filannoon milkaa’aan gaggeeffamuusaa yaadachiisaniiru.
Diinonni Itiyoophiyaa seenaasaanii keessatti qabsoo hidhannoo malee saanduqa filannoo hin beekne ajandaa baduu fudhatanii ummata yaaddoo keessa galchuuf yeroo hunda kan wixxifatan filannicha gufachiisuuf yaalii godhaniiru jedhaniiru.
Baandaawwan bitamtoonni kunneen qindaa’uudhaan filannoon walii galaa torbaffaan akka hin gaggeeffamne gochuuf filannoon dura, yeroo filannoottii fi filannoon booda tattaaffii garagaraa godhaniiru jedhaniiru.
Haa ta’u malee filannoon walii galaa torbaffaan waltajjii Lammiileen waloomanii kutannoo ijaarsa sirna demokiraasii cimaaf qaban itti agarsiisan ta’uusaas dabalanii ibsaniiru.
Keessumaa gareewwan finxaaleyyii filannoodhaan dura eegaluun odeeffannoowwan waliin dhahaa tamsaasaa turuusaanii yaadachiisanii, yeroo filannoon gahus gochawwan shororkeessaallee osoo hin hafiin raawwachuuf yaaluusaanii kaasaniiru.
Fakkeenyaaf Yunivarsiitii Gondoritti barattoota tapha kubbaa ilaalaa turan irratti boombii darbachuun barataan tokko akka du’u kan godhan yoo ta’u, barattoota biroo ammoo madeesaniiru jedhaniiru.
Finxaaleyyiin guyyaa filannoo dabalatee karaa garagaraa dubbii barbaadaa kan turan yoo ta’u yaaliin isaanii osoo hin milkoofne hafeera kan jedhan ministirichi humnoonni badii kun raawwachiifii dadhabe naannoo Oromiyaa godina Arsii aanaa Asakootti lammiileerratti haleellaa raawwachuusaanii ibsaniiru.
Haleellaa kanaan qaamolee nageenyaa, manneen amantaa, manneen jireenyaa fi bu'uuraalee misoomaa irratti miidhaan kan qaqqabe yoo ta'u, haaluma wal fakkaatuun Godinichatti Aanaalee Hanqalloo waabee fi Shirkaa keessattis rakkoon walfakkaataan uumamuu isaa Ministirichi eeraniiru.
Rakkoo kana bu’uraarraa furuuf carraaqqiin gama hundaa taasifamaa jiraachuu isaa caqasuun, adeemsa kanaan abbootii amantaa Bataskaana Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa, hoggantoota Naannoo Oromiyaa fi qaama dhimmi ilaallatu waliin mariin taasifameera jedhaniiru.
Dhugaan jiru kana ta’ee osoo jiruu , rakkoo uumame faayidaa siyaasaa hin malleef oolchuuf yaaliin taasifamu guutummaatti fudhatama kan hin qabne ta'uu Ministirichi cimsanii ibsaniiru.
Haala kanaan ka'umsa godhachuun qaamonni fedhii siyaasaa dhuunfaa isaanii guuttachuuf fiigan gocha isaanii kanarraa of qusachuu akka qaban akeekachiisanii, qaama balleessaa raawwate waliin ta'anii akka balaaleffatan hubachiisaniiru.
Waliigalaan, filannoo walii galaa 7ffaa gufachiisuuf yaaliwwan karaa adda addaan gaggeeffamaa kan turan yoo ta'u, filannichi milkiin xumuramee seenaa siyaasaa Itiyoophiyaa keessatti boqonnaan haaraan banameera jedhaniiru.