Raayyaan ittisa biyyaa gurmaa’insa yeroon barbaaduu fi ga’umsa olaanaatiin birmadummaa fi kabaja biyyaa eegaa jira-Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa - ENA Afaan Oromoo
Raayyaan ittisa biyyaa gurmaa’insa yeroon barbaaduu fi ga’umsa olaanaatiin birmadummaa fi kabaja biyyaa eegaa jira-Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa
Caamsaa 29/2018(ENA)- Raayyaan ittisa biyyaa gurmaa’insa yeroon barbaaduu fi ga’umsa olaanaatiin birmadummaa fi kabaja biyyaa eegaa akka jiru etaamaajoor shuumiin humnoota waraanaa walii galaa FDRI Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa ibsan.
Manni barnootaa leenjii qondaaltotaakaadhimamoo Hursoo kaadhimamtoota qondaaltotaa koorsii tsinaat marsaa 27ffaaf leenjise har’a eebbisiiseera.
Sirna eebbaarratti kan argaman fiildi maarshaal Biraanuu Juulaa, raayyaan gurmaa’insaa fi ga’umsa yeroon barbaaduun deeggaramee birmadummaa fi kabaja biyyaa eegaa akka jiru ibsaniiru.
Itiyoophiyaan biyya gootonni baraa baraatti birmadummaa fi kabajashee eeganii nuun gahan ta’uushee ibsanii, yeroo ammaas raayyaan ga’umsasa olaanaanaan qabatamaan agarsiisaa jira jedhaniiru.
Raayyaan ergama badii baandaawwanii fi ergamtoota diinota alaarraa ergama fudhatanii biyya miidhanii fashaleessaa fi hordofee tarkaanfii cimaa fudhachaa akka jiru ibsaniiru.
Kan har’a eebbifamanis haleellaa birmadummaa fi faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaarratti aggaamaman qolchuudhaan gootummaasaanii agarsiisuu akka qaban hubachiisaniiru.
Eebbifamtoonni beekumsa loltummaa ammayyaa fudhatan muuxannoo qaban waliin qindeessuudhaan raawwii ergama raayyaa gara sadarkaa olaanaatti ceesisuun akka irraa eegamu hubachiisaniiru.
Ajajaan mana barumsaa leenjii qondaaltota kaadhimamtootaa Hursoo koloneel Kadir Caancoo gamasaaniin, manni barumsaa seena qabeessi kun gootota birmadummaa fi kabaja Itiyoophiyaa aarsaa olaanaadhaan eegan horachuusaa itti fufuusaa ibsaniiru.
Eebbifamtoonni ga’umsa qaamaan, ilaalchaan,xin-sammuu fi dhimmoota bu’uraa biroo irratti leenjii ga’aa waan fudhataniif dirqama kennamuuf kamiyyuu ga’umsaan bahachuu akka danda’andubbataniiru.
Miseensonni haraa eebbifaman gama isaaniitiin, beekumsaa fi ogummaa loltummaa gonfataniin deeggaramuun itti fufiinsa biyyaa mirkaneessuuf qooda isaanii akka bahan mirkaneessaniiru.
Qormaatilee Kamiyyuu keessatti nageenya lammiilee, birmadummaa fi daangaa biyyaa eeguufis waadaa galaniiru.
Sagantaa kana irratti, Ministeera raayya Ittisa Biyyaatti Hogganaan Barnootaa fi Leenjii Jeneraal Yimar Mokonnin, leenjifamtoota yeroo leenjii isaaniitti kaadhimamtoota raawwii caalmaa qabaniitiif sadarkaan kennameera.
Eebba kana irratti, Ajajaan Muummee Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa Leetanal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa akkasumas, qondaaltota waraanaa olaanoo, Itti Aantuun Pirezidaantii Naannoo Hararii Aadde Roozaa Umar, Itti Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dawaa Obbo Harbii Buuhii, Bulchituun godina Harargee Bahaa Aadde Miskii Mahaammad, akkasumas Ugaazoonnii fi Abbootiin Gadaa argamaniiru.