Pirojektoonni jallisii xiqaa fi jiddugaleessaa horsiisee bulaan ongeef akka hin saaxilamne gochaa jiru - ENA Afaan Oromoo
Pirojektoonni jallisii xiqaa fi jiddugaleessaa horsiisee bulaan ongeef akka hin saaxilamne gochaa jiru
Caamsaa 29/2018 (ENA)- Pirojektoonni jallisii xiqaa fi jiddugaleessaa naannoo Oromiyaatti ijaaraman hanqina bishaanii fi ongee naannawoota horsiisee bulaatti mudachuu danda’an damdamachuuf humna ta’aa akka jiran biiroon jallisii fi misooma horsiisee bulaa naannichaa ibse.
Hogganaan biirichaa injiinar Girmaa Raggaasaa TOI’tti akka himanitti, miidhaa ongee sababa hanqina bishaaniitiin naannichatti loonii fi namarra gahu damdamachuuf pirojektiin Finnaa jedhamu hojiirra oolaa jira.
Ijaarsi pirojektootaa xiqqaa fi jiddu galeessaa 73 karaa pirojektii kanaa hojjetamaa jiraachuu eeranii, kanneen keessaa 40 kan ta’an ijaaramanii xumuramanii tajaajilaaf qaqqabaniiru jedhaniiru.
Pirojektiin hawaasa horsiisee bulaa biratti hojiirra oolaa jiran dandeettii balaa ongee damdamachuu gabbisuudhaan gumaacha olaanaa gochaa akka jiran hogganaan kun eeraniiru.
Keessumaa pirojektoonni kunneen rakkoo godinaalee Boorana, Harargee fi Baaleetti naannawa horsiisee bulaatti sababa ongeetiin namootaa fi loon mudachaa ture furuuf gargaarsa olaanaa gochuusaanii eeraniiru.
Pirojektoota kanneen hanqinni bishaanii bakka itti mudatu bakkeewwan birootti bal’isuun rakkoo mudachuu danda’u dursanii qolachuu fi damdamachuuf xiyyeeffatamee hojjetamaa jira jedhaniiru.
Pirojektoonni jallisii kunneen guutummaan xumuramanii tajaajila yeroo eegalan hanqina bishaanii naannawaa fulla’insaan furuurra darbee jireenya horsiisee bulaa loon horsiisuu qofarratti hirkate misooma qonnaa waliin walitti hidhuun caalaatti akka fayyadaman taasisu jedhan.