Tamsaasa Kallatti:

Hirmaannaan cimaan Filannoo Dargaggootaa egeree Itiyoophiyaa ijaaruuf humna guddaa uuma

Caamsaa 29/2018 (ENA)–Hirmaannaan cimaan dargaggoonni filannoo walii galaa torbaffaa irratti taasisan, egeree Itiyoophiyaa bu'uura dimookiraasii cimaa irratti ijaaruuf humnaa fi carraa guddaa kan uume ta'uu Federeeshiniin Dargaggoota Itiyoophiyaa beeksise.

Filannoon walii galaa Itiyoophiyaa torbaffaan Caamsaa 24 bara 2018 gaggeeffamuunsaa kan yaadatamu yoo ta'u, kanaanis Itiyoophiyaanonni filataniiru, Itiyoophiyaanis mo'atteetti.

Bakka bu'aan Pirezdaantii Federeeshinii Dargaggoota Itiyoophiyaa Aleksaandar Nugusee ENA’f akka ibsanitti; Federeeshinichi adeemsa filannichaa keessatti sadarkaa biyyaalessaatti dargaggoota taajjabdummaa fi adeemsa barnoota filattootaa kennuu keessatti hirmaachisuun itti gaafatamummaa isaa ba'achaa turuu dubbataniiru.

Kanaanis, filannicha irratti sadarkaa biyyaalessaatti dargaggoota kuma 32 fi 500 taajjabdummaan, gama qindeessummaatiin ammoo dargaggoota kuma 2 fi 500 bobbaasuun kan hirmaachise yoo ta'u, hojiiwwan hubannoo uumuu dandeessisan hojjetamuu isaanii ibsaniiru.

Adeemsa kanaan taajjabdoonni Federeeshinichaa bakka bu'oota paartilee siyaasaa adda addaa, dhaabbata hawaasa siivilii fi raawwachiiftota filannoo waliin qindoominaan hojjechuun itti gaafatamummaa isaanii dandeettiin ba'achuu isaanii eeraniiru.

Filannoo biyyaalessaa gaggeeffame kanaan dargaggoonni hirmaannaa cimaa taasisuun isaanii, egeree Itiyoophiyaa ijaaruu kan danda'an humnaa fi carraa kan uumu ta'uu ibsaniiru.

Filannichi Itiyoophiyaa keessatti siyaasa tasgabbaa'aa fi adeemsa ijaarsa sirna dimookiraasii gabbateef bu'uura gaarii qabachaa jiraachuu kan agarsiisudhas jedhaniiru.

Kunis, Itiyoophiyaa badhaate dhaloota dhufuuf dabrsuuf carraa guddaa kan uume ta'uu itti dabaluun kaasaniiru.

Keessattuu, filannoo walii galaa baranaatiin paartileen siyaasaa dorgomtoota ta'an adda addaa, dargaggoonni hirmaannaa siyaasaa keessatti akka taasisan carraa kan kennan ta'uus dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015