Itiyoophiyaan Maalaawwii waliin tapha michuummaa ni taphatti - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan Maalaawwii waliin tapha michuummaa ni taphatti
Caamsaa 29/2018 (ENA):–Gareen Biyyaalessaa Itiyoophiyaa gitasaa Maalaawwii waliin har’a tapha michuummaa Idil-Addunyaa ni gaggeessa.
Taphichi galgala sa'aatii 12:00 irratti Istadiyeemii Dirree Dawaatti ni taasifama.
Leenjisaan garee biyyaalessaa Itiyoophiyaa Yohaannis Saahilee qophii tapha michuummaaf Caamsaa 19 bara 2018 taphattoota 23f waamicha kan taasisan yoo ta'u, gareen biyyalessichaa Caamsaa 24 bara 2018 kaasee Finfinnee fi Dirree Dawaatti qophii taasisaa tureera.
Gareen Ituyoophiyaa tapha isaa jalqabaa har'aa taasisuun, shaakalliisaa dhumaa kaleessa Istadiyeemii Dirree Dawaatti gaggeesseera.
Taphattoonni garee biyyaalessichaa hundi fayyummaa gaarii irratti akka argaman Federeeshiniin Ispoortii Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaa beeksiseera.
Gama biraatiin, leenjisaan lammii Zimbaabuwee waggaa 55 Kaalisto Paasuwaa tapha kanaaf taphattoota 23f waamicha taasisanii gareen isaanii qophii taasisaa tureera.
Gareen Maalaawwii leenjii isaa isa dhumaa kaleessa Istadiyeemii Dirree Dawaatti gaggeesseera.
Itiyoophiyaa fi Maalaawwiin kanaan dura taphoota dorgommii fi michuummaa irratti si'a 14 wal arganiiru.
Waliyoonni si'a afur yoo mo'atan, Maalaawwiin si'a shan mo'ataniiru.
Taphoota shanan hafan ammoo qixa ba'aniiru.
Taphoota kanaan Itiyoophiyaan galchii 16 kan lakkoofsiste yoo ta'u, Maalaawwiin goolii 14 galchiteetti.
Biyyonni lameen yeroo dhumaaf kan waliin taphatan dorgommii deebii Waancaa Afrikaa 34ffaa ammaan dura bara 2022 fi 2023 Kootdivaaritti gaggeeffameef darbuuf tapha gulaalli taasisaniinii ture.
Taphoota gulaallii lameen keessaa Maalaawwiin tokko yoo mo'attu, tapha hafe irratti ammoo goolii malee qixa ba'aniiru.
Itiyoophiyaan yeroo dhumaaf Maalaawwii kan mo'atte bara 2021 Istadiyeemii Baahir Daaritti tapha michuummaa taasifameen yoo ta'u, gareen biyyaalessaa yeroos galchii 4 fi 0n injifannoo galmeessisee ture.
Biyyonni kunneen tapha isaanii jalqabaa A.L.I bara 1983 taasisan keessatti Maalaawwiin Itiyoophiyaa galchii 4 fi 0n mo'attee turte.
Taphichi A.L.A. bara 1986 Waancaa Addunyaa FIFA 13ffaaf Meeksiikootti qophaa'e tapha calallii zoonii Afrikaa ture.
Biyyonni lameen har'a si'a 15ffaaf waiin taphatu.
Sadarkaa FIFA irratti Itiyoophiyaan sadarkaa 144ffaa, Maalaawwiin ammoo sadarkaa 127ffaa irratti argamu.
Gareen Biyyaalessaa biyyoota lameenii tapha michummaa isaanii isa lammaffaa Waxabajjii 2 bara 2018 Istadiyeemii Dirree Dawaatti ni taasisu.
Waliyoonni taphoota isaanii kanneen kan gaggeessan, guyyoota tapha garee biyyaalessaa Idil-Addunyaa FIFA fayyadamuun akka ta'e Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaa beeksiseera.