Tamsaasa Kallatti:

Dorgommiin walakkaa maaraatoonii Itiyoophiyaa boru Finfinneetti gaggeeffama

Caamsaa 29/2018 (ENA)- Dorgommiin walakkaa maaraatoonii Itiyoophiyaa19ffaan boru Caamsaa 30 bara 2018 Finfinneetti gaggeeffama.

Dorgommii kana ilaalchisuun federeeshiniin atileetiksii Itiyoophiyaa har’a miidiyaaleef ibsa kenneera.

Dorgommii addababayii Masqalaarra eegalee aaddababayii Masqalaatti xumuramu irratti atileetonni dhiiraa 455, atileetonni dubartii 183 walumaa gala atileetonni 638 akka hirmaatan ibsa Kanaan eerameera.

Pirezidaantiin federeeshinii atileetiksii Itiyoophiyaa komaandar atileeti Silashii Sihin kaayyoon dorgommichaa dorgommoo walakkaa maaraatooni Swiidinitti gaggeeffamuuf atileetota Itiyoophiyaa bakka bu’an filachuu fi bakka bu’oota horachuudha jedhaniiru..

Daarektarri bakka bu’aa dorgommii fi hirmaannaa federeeshinichaa obbo Gizee Adinoo gamasaaniin, atileetonni  dorgommichaan sadarkaa 1ffaa amma 6ffaatti xumuran badhaafni maallaqaa, meedaaliyaa fi waancaa akka kennamuuf dubbataniiru.

Baay’inni hirmaattota dorgommii baranaa kan bardheengaddaa waliin wal bira yoo qabamu atileetonni 434 akka dabalaman akka agarsiisu odeeffannoonfedereeshinichaa ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015