Tamsaasa Kallatti:

Naannichatti teeknooloojii qonnaa bal’inaan fayyadamuun oomishtummaa guddisuuf xiyyeeffannoon kennameera

Caamsaa 28/2018 (ENA): Lafa qonnaa babal’isuun alatti, itti fayyadama teeknooloojii qonnaa Naannoo Oromiyaa keessatti dabaluudhaan oomishtummaa guddisuuf xiyyeeffannoon kennamee jiraachuun ibsameera.

Godina Iluu Abaa Booraatti qonni Gannaa haalaan kan itti fufe yoo ta’u, har’as hojiin lafa qophaa’e sanyii boqqollootiin uwwisuu aanaa Dooraniitti eegalameera.



Akka Hogganaan Biiroo Jallisii fi Misooma horsiisee bultootaa Naannoo Oromiyaa Injiinaar Girmaa Raggaasaa himanitti qonni Bonaa fi Gannaa naannichatti bal’inaan hojjetamaa jira jedhani.
Keessattuu waggoota muraasa darbanitti naannichatti misooma jallisii irratti bu’aa gurguddaan argamuu eeruun, ijaarsi hidhaalee misooma jallisii xixiqqaa fi giddu galeessaa cimee hojjetamuu ibsaniiru.

Wabii nyaataa mirkaneessuun irra caalaa qonna babal’isuudhaan galma gahuu akka danda’u kan ibsan Injinar Girmaan, naannichatti misooma qamadii Bonaarratti milkaa’inni guddaan galmaa’uu ibsaniiru.
Kunis duudhaa kanaan dura waggaatti al tokko oomishamu ture fooyyessee, qonna Gannaaf dandeettii dabalataa uumeera jedhan.
Yeroo oomishaa dhufutti lafa misooma qonnaaf oolu danda’u qotuu fi makaanaayizeeshinii qonnaatti fayyadamuun oomishtummaa guddisuuf xiyyeeffannoon kennameera jedhan.
Akkasumas Godina Iluu Abaa Booraatti qonna Gannaatiin lafti heektaara kuma 389 midhaan gosa adda addaatiin uwwifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Hojiin qonna kilaastaraan aanaalee Godinichaa keessatti sanyiidhaan uwwisuu cimee itti fufuus eeraniiru.
Dhiyeessiin makaanaayizeeshinii qonnaa omishtummaa guddisu godinaalee hunda keessatti dabalaa jiraachuu eeraniiru.
Qonna Gannaa tiraaktaraatiin qotuuf xiyyeeffannoon kennameera jedhan.

ENA_Afaan_Oromoo #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015