Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Hararitti dargaggoonni kuma 38 fi 300 ol leenjii Itiyoo Koodarsii (Ethio Coders) fudhataniiru - Ejensii Innooveeshinii fi Teeknooloojii Naannichaa

Caamsaa 28/2018 (ENA): Naannoo Hararitti dargaggoonni kuma 38 fi 300 ol leenjii Itiyoo Koodarsii fudhataniiru jedhan Hogganaan Ejensii Innooveeshinii fi Teeknooloojii Naannichaa obbo Jamaal Ibraahim.

Ibsa Itti Gaafatamaan Ejensichaa obbo Jamaal Ibraahim kennaniin; Leenjiin Koodarsii guddina dandeettii teeknooloojii dijitaalaa lammiilee fi ijaarsa dinagdee dijitaalaa akka biyyaatti jalqabeef gumaacha olaanaa qaba jedhani.

Dargaggoota sadarkaa naannootti leenjii kana xumuran keessaa 27,574 hojiiwwan jalqabbii kanaan hanga ammaatti hojjatamaa tureen ragaa argataniiru.

Sagantaa kanaan leenjii piroogiraamiingii, saayinsii daataa, hubannoo namtolchee, Andirooyidii fi kanneen kanaan walqabatan kennamaa akka jiran ibsaniiru.

Leenjiin kun dargaggoota ogummaan kan hidhachiisu qofa osoo hin taane, lammiilee gahumsa, dorgomaa fi hojiitti hirmaatan akka horatan kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.

Leenjichi sadarkaa addunyaatti dargaggoota dorgomaa akka taasisu eeruun, dargaggoonni carraa hin arganne gara fuulduraatti galmaa’anii leenji’uu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.

ENA_Afaan_Oromoo #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015