Dubartoonni filannoo walii galaa torbaffaatiin filachuunii fi taajabuudhaan hirmaannaa cimaa godhaniiru - ENA Afaan Oromoo
Dubartoonni filannoo walii galaa torbaffaatiin filachuunii fi taajabuudhaan hirmaannaa cimaa godhaniiru
Caamsaa 28/2018(ENA)- Dubartoonni filannoo walii galaa torbaffaatiin filachuunii fi taajabuudhaan hirmaannaa cimaa gochuusaanii federeeshiniin dubartootaa Itiyoophiyaa ibse.
Federeeshiniin dubartootaa Itiyoophiyaa haala hirmaannaa hunda galeessaa filannoo walii galaa torbaffaa ilaalchisee ibsa kenneera.
Daarektarri olaantuu federeeshinii dubartootaa Itiyoophiyaa Gannat Siyyum ibsa kennaniin, filannoon walii galaa torbaffaa nagaa fi demokiraatawaa ta’ee akka xumuramu federeeshinichi qoodasaa bahateera jedhaniiru.
Haala Kanaan miseensonni federeeshinichaa loogii malee qooda taajjabdummaa sirnaan akka bahatan dubbataniiru.
Federeeshinichi filannoo walii galaa torbaffaatiin walumaa gala taajjabdoota kuma 14 caalan bobbaasuudhaan buufataalee filannoo kuma 25 fi 384 irratti taajjabuusaanii eeraniiru.
Hirmaannaan filannoowwan darban waliin yoo wal bira qabamu fooyyee agarsiisuusaa ibsanii, filannoo walii galaa kanarratti filchuu fi taajjabuudhaan hirmaannaa jajjabeessaa gochuusaanii dubbataniiru.