Gamtaan Afriikaa fi Chaayinaan tumsa tarsiimoo cimsuuf kutannoo qaban agarsiisani - ENA Afaan Oromoo
Gamtaan Afriikaa fi Chaayinaan tumsa tarsiimoo cimsuuf kutannoo qaban agarsiisani
Caamsaa 28/2018 (ENA): Gamtaan Afrikaa fi Chaayinaan tumsa tarsiimoo isaanii daran guddisuuf akka hojjetan beeksisan.
Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahammuud Alii Yuusuuf waajjira isaaniitti Hogganaa Ergama Chaayinaa Gamtaa Afrikaatti Ambaasaaddar Jiyaangi Feengi simataniiru.
Dura taa’aan Gamtaa Afrikaa fi Ambaasaaddarichi marii isaanii keessatti tumsa tarsiimoo Gamtaa Afriikaa, Chaayinaa fi dhimmoota dantaa waloo qaban irratti mari’ataniiru.
Marii kanarratti hojiiwwan Fooramii Tumsa Chaayinaa-Afriikaa (FOCAC) jalatti hojjetaman dabalatee walta’iinsa tarsiimoo yeroo dheeraa ardii kanaa fi Chaayinaa gidduu jiru daran cimsuu danda’an irratti mari’ataniiru.
Akkasumas Chaayinaan dursa misoomaa Afrikaaf deeggarsa taasisuu fi qormaata haaraa waliin ta’uun furuuf hojii itti fufee jiru irratti yaada wal jijjiiraniiru.
Dura taa’aan kun Chaayinaan Afriikaa waliin tumsa itti fufuu ishee eeruun, keessumaa duula weerara Iboolaa to’achuuf geggeeffamaa jirutti deeggarsa ariifataa fi yeroon taasifte dinqisiifannaa isaanii ibsaniiru.
Qaamonni lamaan tumsa dinagdee irrattis kan mari’atan yoo ta’u, jalqabbii daldala qaraxa irraa bilisa ta’e Chaayinaan al-ergii Afriikaaf taasiftu xiyyeeffannoo ijoo ta’eera.
Galmoota Ajandaa 2063, daandii misooma yeroo dheeraa ardii kanaa galmaan ga’uuf tumsa walfayyadu cimsuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.
Qaamonni lamaan qajeeltoowwan birmadummaa, daangaa fi michummaa biyyootaa irratti kutannoo cimaa akka qaban ibsaniiru.
Nageenya Ardichaa, misoomaa fi badhaadhina waloo ardii kanaa mirkaneessuuf tumsi gamtaa Afriikaa fi Chaayinaa cimaa uumuun barbaachisaa ta’uu ibseera odeeffannoon ENA’n Gamtirra irraa argate.
ENA_Afaan_Oromoo #ENA