Filannoon Waliigalaa Torbaffaa Hirmaannaan Lammiilee Dabaluu fi Dandeettiin Boordii Filannoo Biyyaalessaa guddachaa dhufuusaa kan agarsiisedha - ENA Afaan Oromoo
Filannoon Waliigalaa Torbaffaa Hirmaannaan Lammiilee Dabaluu fi Dandeettiin Boordii Filannoo Biyyaalessaa guddachaa dhufuusaa kan agarsiisedha
Caamsaa 28/2018 (ENA): Filannoon Waliigalaa Torbaffaa Hirmaannaan Lammiilee Dabaluu fi Dandeettiin Boordii Filannoo Biyyaalessaa guddachaa dhufuusaa kan agarsiise ta’uu Manni Maree Jaarmiyaalee Hawaasa Siivilii Itiyoophiyaa ibseera.
Manni Marichaa bu’uura Labsii Lakk. 1113/2011tiin Dhaabbilee waldaalee siivikii Abbaa Taayitaa Dhaabbilee Waldaalee Siivilii FDRI’n galmaa’anii fi beekamtii argatan bakka bu’uun Itiyoophiyaa keessatti akka socho’u hayyamni kennameefii jira.
Pirezidaantiin Mana Marichaa Ahimad Huseen ENA’tti akka himanitti; Manni Marichaa Filannoon Waliigalaa Torbaffaa nagaa, dimokiraatawaa fi haqa qabeessa akka ta’u gochuu keessatti gahee isaa ba’eera jedhani.
Yeroo filannoon duraattis waltajjiiwwan paartileen siyaasaa wal falmanii fi iftoomina akka qabaataniif haala mijeessuun barnootaa fi hubannoo filannoo uumuun akka danda’ame yaadachiisaniiru.
Taajjabbii filannoo waliigalaa torbaffaa eeruun, filannoon kun adeemsa nagaa fi dimokiraatawaa ta’ee fi lammiileen baay’inaan kan hirmaatan ta’uu ibsaniiru.
Ummanni Itiyoophiyaa ganama sa’aatii 12:00 hanga galgala sa’aatii 6:00tti buufataalee filannoo adda addaatti obsaan fi dammaqinaan sagalee kennuu isaa mirkaneessanii jiru.
Akkasumas, manguddoota, qaama miidhamtoota, dargaggootaa fi dubartoota dabalatee lammiileen hedduun filannoo kana irratti sagalee isaanii akka kennan ibsaniiru.
Ijaarsi sirna dimokiraasii Itiyoophiyaa suuta suutaan guddachuu fi hirmaannaa hunda hammate dagaagsuu kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.
Pireezidaantichi itti dabaluudhaan filannoon kun akka milkaa’uuf mootummaan, paartileen siyaasaa, miidiyaaleenii fi qooda fudhattoonni biroo gahee isaanii ba’aniiru jedhan.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa dhaabbilee dimokiraasii fi haqaa cimsuu irratti xiyyeeffannaa kennuuf fakkeenya tokko ta’uu eeraniiru.
Filannoon waliigalaa torbaffaa milkaa’inaan akka xumuramuuf gumaacha inni gumaache kaasuun dandeettiin Boordichi of danda’ee fi loogii malee raawwachuu guddachaa dhufuu isaa ibsaniiru.
Filannoon mul’ata ijaarsa sirna dimokiraasii ta’uu kan ibsan Pirezidaantichi, aadaa siyaasaa fi mootummaa dimokiraatawaa ijaaruuf meeshaa ijoo ta’uu himaniiru.
Itiyoophiyaa keessatti aadaa dimokiraasii cimsuuf tumsi qaamota hundaa murteessaa ta’uu ibsaniiru.
ENA_Afaan_Oromoo #ENA