Tamsaasa Kallatti:

Barana naannoo Oromiyaatti Bunnni kuntaala miiliyoona 16 tuqaa 9 walitti qabameera

Caamsaa 28/2018 (ENA)-Bara bajataa xumurame kana naannoo Oromiyaatti Bunnni kuntaala miiliyoona 16 tuqaa 9 walitti qabamuusaa biiroon qonnaa naannichaa beeksise.

Biirichatti daarektarri qulqullinaa fi misooma Bunaa obbo Taakkalaa Hayilamaaram ENAtti akka himanitti, naannichatti misoomni Bunaa Inisheetiivii addaatiin bocamee hojiitti erga galamee asitti oomishnii fi oomishtummaan Bunaa sadarkaa olaanaan guddachaa dhufeera.

Jiruu fi jireenyi qonnaan bulaa kallattiidhaan misooma Bunaa waliin kan walitti hidhate ta’uu kan eeran daarektarichi, misoomni Bunaa bal’inaa fi karaa ammayyaa hojjetamuunsaa fayyadama dinagdee qonnaan bulaa guddisaa jiraachuu ibsaniiru.

Biirichi oomisha Bunaa akaakuu fi baay’inaan guddisuuf hojiileen hedduun hojjechuusaa eeraniiru.
 

Kanneen keessaa sanyii Bunaa fooyya’aa yeroo gabaabaa keessatti oomisha olaanaa kennan qonnaan bulaa biraan ga’uu, muka Bunaa dulloomee fi oomisha hin kennine haaraan bakka buusuun isaan ijooti jedhaniiru.

Dabalataanis ogeeyyota qonnaatiin deeggaramuun muka Bunaa gamashuu bal’inaan hojjetamuu ibsaniiru.

Haala Kanaan bara oomishaa 2018 naannichatti Buna kuntaala miiliyoona 18 walitti qabuuf karoorfamee amma ammaatti Bunni kuntaalli miiliyoona 16 tuqaa 9 walitti qabameera jedhaniiru.
 

Dandeettii dorgommii gabaa addunyaa fi qulqullina eegsisuuf hojiileen hubannoo qonnaan bulaa jiddu galeessa godhatan hojjetamuu obbo Taakkalaan ibsaniiru.

Keessumaa qonnaan bultoonni Buna diimaa qofa akka funaanan gochuun akka danda’ame ibsanii, Buna walitti qabame qulqullinaan gogsuun aadeffamuu dubbataniiru.

Fayyadamaa qonnaan bulaa caalaatti guddisuu fi faddaaltota seeraan alaa ittisuuf osoo eenyuyyuu jidduu hin seeniin kallattiin gabaa addunyaaf dhiheessuuf haalli mijataa uumamaa akka jiru gaggeessaan kun beeksisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015