Leenjichi michummaa biyyoota lamaanii daran cimsuuf gargaara - ENA Afaan Oromoo
Leenjichi michummaa biyyoota lamaanii daran cimsuuf gargaara
Caamsaa 28/2018 (ENA): Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Dhimma Alaa Jaafar Badiruu leenjiin inistiitiyuutichi qopheesse hariiroo biyyoota lamaanii sadarkaa olaanaatti ol guddisuu fi michummaa waaraa daran cimsuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.
Inistiitiyuutiin Dhimma Alaa Itiyoophiyaa fi Sudaan Kibbaa walta’iinsa naannoo, ijaarsa dandeettii fi hariiroo tarsiimoo cimsuuf kaayyeffatee dippilomaatota Sudaan Kibbaaf leenjii dippilomaasii sadarkaa olaanaa kennuu eegaleera.
Leenjiin kun itti fayyadama qabeenya, Paan Afrikaanizimii, akkasumas dhimmoota idil-addunyaa fi naannoo irratti kan xiyyeeffate ta’uun isaas hubatameera.
Kanuma waliin Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutichaa Jaafar Badiruu eenyummaa seenaa, aadaa, afaaniifi eenyummaa daangaa ce’aa Itiyoophiyaa fi Sudaan Kibbaa yaadachiisaniiru.
Biyyoonni lamaan michummaa fi ollummaa cimaa akka qaban kan hubachiisan yoo ta’u, egeree waloo cimaa bocuuf murteessaa ta’uu isaanii mirkaneessaniiru.
Leenjichi hariiroo biyyoota lamaanii sadarkaa olaanaatti ceesisuu fi michummaa waaraa daran cimsuuf gumaacha olaanaa taasiseera jedhan.
Itti dabaluunis leenjiin kun ga’ee dippilomaatota tumsa naannoo fi hariiroo biyyoota lamaanii keessatti qaban irratti hubannoo bal’aa fi faayidaa qabu kan kennu ta’uu ibsaniiru.
Akkasumas, dippilomaatonni itti fayyadama qabeenya waliinii, Paan Afrikaa fi dhimmoota idil-addunyaa fi naannoo keessatti gahee guddaa waan qabaniif, dhimmoota waloo irratti waliin dhaabbachuu akka qaban dubbataniiru.
Itiyoophiyaatti Imbaasii Sudaan Kibbaa Itti Aanaan Ambaasaaddara Took Deengi leenjiin kun ijaarsa dandeettii fi muuxannoo waljijjiirraa dammaqinaan uumuu qofa osoo hin taane, walta’iinsaa fi walitti dhufeenya seenaa gadi fagoo Iityoophiyaa fi Sudaan Kibbaa daran kan cimsu ta’uu ibsaniiru.
ENA_Afaan_Oromoo #ENA