Tamsaasa Kallatti:

Hirmaannaa cimaa filannoorratti agarsiifne misoomaanis dabaluuf qophoofneerra

Caamsaa 28/2018 (ENA) - Hirmaannaa ummataa fi tokkummaa cimaa yeroo filannootti agarsiisan misoomaanis dabaluudhaan guddina biyyasaanii si’achiisuuf qophii ta’uusaanii kutaaleen hawaasaa garagaraa magaalaa Hararitti argaman ibsan.

Kutaaleen hawaasaa garagaraa magaalaa Harar ENA’n dubbise hirmaannaa filannoorratti agarsiisan hojiilee misoomaa itti fufanirratti cimsuun misoomaa fi guddina itti fufsiisuu qabna jedhan.

Jiraattota keessa adde Mulunash Waaqtolaa akka jedhanitti, Ummanni filannichaaf bal’inaan bahuun jaalala biyyaaf qabu agarsiiseera.

Hirmaannaa filannoorratti agarsiifne gabbisuunii fi hojiilee misoomaa itti fufsiisuuf irra deebi’uutu nurraa eegama jedhaniiru.

Barsiisaa Toomaas Dubbaalaa, filannichi milkaa’ina guddaa Itiyoophiyaa fi lammiileeshee kan agarsiisedha jedhaniiru.

Kana malees hojiilee misoomaa eegalaman si’achiisuudhaan misooma biyyaaf hojjechuun akka barbaachisu ibsaniiru.

Jiraataan magaalichaa obbo Taaddasaa Bayyanaa gamasaaniin, filannichi hirmaannaan ummataa dammaqaan kan itti mul’ate, abduu ifaa biyyattii egeree kan agarsiisee fi kan nama gammachiisu akka ture yaadachiisaniiru.

Fuulduras hirmaannaa filannoorratti taasisan misoomaan dabaluu ilmaan ilmaansaaniif biyya ifaa dabarsuuf akka hojjetan eeraniiru.

Filannichi lammiileen hedduun kan itti hirmaatanii fi nagana gaggeeffamuunsaa guddaa  akka isaan gammachiise kan ibsan ammo barsiisaa Darajjee Tasfaayeeti.

Gara fuulduraatti hojiilee misoomaa biyyaalessaas ta’e naannoorratti dammaqinaan akka hirmaatan barsiisaa Darajjeen dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015