Godina Jimmaatti barattoonni kuma 92 caalan qormaata biyyaalessaa fi naannoo ni qoramu - ENA Afaan Oromoo
Godina Jimmaatti barattoonni kuma 92 caalan qormaata biyyaalessaa fi naannoo ni qoramu
Caamsaa 28/2018 (ENA)- Bara barnootaa 2018 Godina Jimmaatti barattoonni kuma 92 fi 545 qormaata biyyaalessaa fi naannoo akka qoraman waajjirri barnootaa godinichaa beeksise.
Godinichatti qormaatichaaf qophiin barbaachisu taasifamuun himameera.
Hoogganaan waajjirichaa obbo Miftaahu Abdulqaadir ENA’f akka ibsanitti, Qormaata biyyaalessaa kutaa 12 saayinsii hawaasaa fi uumamaa qoramuuf barattoonni kuma 11 fi 506 haalduree guutaniiru.
Kanneen keessaa dhibbantaa 25 wiirtuuwwan 8 keessatti karaa onlaayinii kan qoramanii fi kanneen hafan waraqaan akka qoraman obbo Miftaahu dubbataniiru.
Gama biraatiin barattoonni kuma 81 fi 39 qormaata naannoo kan kutaa 8 fi 6 aanaalee godinaa hundatti ni qoramu jedhaniiru.
Godinichatti qulqullina barnootaa mirkaneesuu fi qabxii barattootaa fooyyessuuf idileen alatti barnoota dabalataa kennuun hordoffiin barbaachisaan taasifamaa akka ture dubbataniiru.
Barattoota karaa onlaayinii qoramaniif gamanuma leenjii fi hojiin hubannoo uumuu hojjetamuusaa beeksisaniiru.
See less