Kantiibaa Adaanech Abeebee du’a kantiibaa Finfinnee duraanii ambaasaaddar Alii Abdootti gadduusaanii ibsan - ENA Afaan Oromoo
Kantiibaa Adaanech Abeebee du’a kantiibaa Finfinnee duraanii ambaasaaddar Alii Abdootti gadduusaanii ibsan
Caamsaa 28/2018 (ENA) - Kantiibaa Adaanech Abeebee du’a kantiibaa Finfinnee duraanii ambaasaaddar Alii Abdootti gadduusaanii ibsan.
Kantiibaa Adaanech Abeebee ibsa gaddaa fuula miidiyaa hawaasaa isaaniirratti barreessaniin, du’a kantiibaa Finfinnee duraanii ambaasaaddar Alii Abdootti gaddi guddaan natti dhaga’ameera jedhaniiru.
Ambaasaaddar Alii Abdoo kantiibaa Finfinnee 27ffaa ta’uun akkasumas Sudaanii fi Naayijeeriyaatti ambaasaaddara Itiyoophiyaa ta’uun biyyasaanii tajaajiluusaanii ibsaniiru.
Maatii,michootasaanii fi ummata hundaaf jajjabina hawwuun lubbuunsaanii jannata haa galu jedhaniiru.