Tamsaasa Kallatti:

Hojiin misooma qarqara lageenii Finfinneen magaalaa nama giddugaleessa godhatte gochuuf kan karoorfame invastimantii yeroo dheeraati-ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad

Caamsaa 28/2018 (ENA)- Hojiin misooma qarqara lageenii Finfinneen magaalaa nama giddugaleessa godhatte gochuuf kan karoorfame invastimantii yeroo dheeraa ta’uusaa ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan.

Misoomni qarqara lagaa Finfinnee pirojektii faayidaa qarqara lageenii miidhagsuurra darbe kan qabu ta’uu ministirri muummee ergaasaatiin barreessaniiru.

Tiraanisfoormeeshiniin magaalaa Inxooxxoo amma Piikook, akkasumas Inxooxxoorraa amma toora Qabbanaatti bal’inaan hojjetamu, lageenirraa amma meetura 50 kan fulla’u yoo ta’u, misooma kooriidaroota magariisaa, bakka ummanni itti wal gahu, daandiiwwan lafoo, bakkee bashannanaa fi bakkeewwan daldalaa kan of keessaa qabu yoo ta’u, magaalattiis baay’ee kan jijjiire ta’uu beeksisaniiru.

Barbaachisummaa pirojektii kana adda kan godhu faayidaa dinagdee fi hawaasummaa inni qabudha. Bifaa fi tajaajila qarqara lageenii fooyyessuurra darbee dameelee konistiraakshinii, injiinariingii, ijaarsa miidhagina teessuma lafaa, loojistiksii fi Kanaan walqabataniin, namoota hedduuf carraa hojii kan uume yoo ta’u, kontiraaktaroota biyya keessaa, dhiheessitootaa fi daldalootaafis carraa garagaraa mijeessuusaa eeraniiru.

Hojiin irra caalaadhaan mahaandisoota biyya keessaatiin bocamuusaa fi hojiirra ooluunsaa, ogeeyyonni Itiyoophiyaa misooma magaalaa fi ijaarsa bu’ura misoomaarratti dandeettiin qaban guddachaa dhufuusaa ibsaniiru.

Fulla’insi misoomichaa xiyyeeffannoon wal qixaa kan kennamuuf ta’uu eeranii, bakkeewwan Kanaan dura keemikaalonni summaawaa fi balfi itti gatamu, bakkeewwan hawaasa jiraattota qarqara lagaa balaa lolaaf saaxilan kunneen, yeroo ammaa bakka magariisaa, fayyaalessaa fi magaalaa jireenyaaf mijataa ta’etti jijjiiraa jiru jedhaniiru.

Karaa wal fakkaatuun, bakkeewwan daldalaa fi bashannana ummataa qindaa’anii ijaaramuunsaanii, eegumsi naannoo fi guddinni dinagdee Kanaan dura waliin hin qindoofne jalaa bahanii qorannoo fi galma waloof tumsaan hojjechuu akka danda’an kan mirkaneessudha.

Hojiin misoomaa si’ataan kun Finfinnee magaalaa magariisa, caalaatti kan walitti hidhamte , dinagdeen kan dammaqxee fi nama jiddugaleessa godhatte gochuuf carraashee egeree irratti bu’urri kan kaa’ame invastimantii yeroo dheeraa ta’uusaa ministirri muummee ergaasaaniin hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015