Tajaajilli Giddugala Tokkoo (Masoob) Tajaajila Mootummaa Ammayyeessuun Rakkoo Lammiilee furaa jira - Kantiibaa Adaanech Abeebee - ENA Afaan Oromoo
Tajaajilli Giddugala Tokkoo (Masoob) Tajaajila Mootummaa Ammayyeessuun Rakkoo Lammiilee furaa jira - Kantiibaa Adaanech Abeebee
Caamsaa 27/2018 (ENA): Tajaajilli Giddugala Tokkoo (Masoob) tajaajila mootummaa ammayyeessuun rakkina lammiilee furaa jira jedhan kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaaneech Abeebee.
Kantiibaa Adaanech Abeebee Tajaajila Dijitaalaa Giddugala Tokkoo (Masoob) kutaa magaalaa Kolfee Qaraaniyootti ijaarame eebbisuun hojii isaa eegalchiisaniiru.
Akka sirna eebba kana irratti ibsanitti aadde adaanech, Finfinneetti kenniinsa tajaajilaa gahumsaa fi saffisaa ta’e kan haqummaa tajaajila mootummaa mirkaneessu uumamuu ibsaniiru.
Tajaajilli Giddugala Tokkoo rakkoolee Bulchiinsa gaarii hawaasni tajaajila mootummaa argachuu keessatti mudatu dhabamsiisuu keessattis gahee olaanaa taphachaa jira jedhan.
Tajaajila Giddugala Tokkoo irraa gara tajaajila socho’aatti dabarsuudhaan dhaqqabummaa babal’isuuf hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.
Kunis magaalattiin tajaajila mootummaa gahumsaa fi bu’a qabeessa taasisuuf kutannoo qabdu kan agarsiisudha jedhan.
Tajaajilli Giddugala Kolfee Masoob eebbaaf qophaa’ee tures haala tajaajila ammayyaa fi gahumsa qabu hawaasaaf kennuu danda’uun ijaaramuu isaa ibsaniiru.
Hogganaan Biiroo Pablik Sarvisii Magaalaa Finfinnee sadarkaa itti Aanaa Kantiibaatti Dr. Jamaaloo Jambaruun tajaajilli Giddugala ‘Addis Mesob’ hojii bu'a qabeessa ta'ee rakkoo lammiilee furaa jiraachuu himani.
Dhaqqabummaa giddugala wiirtuu tokkoo magaalaa guddootti babal’isuun tajaajila mootummaa ammayyeessuun bu’a qabeessummaan hojiirra oolmaa fooyya’aa akka jiru ibsaniiru.
Hojii gaggeessaan Olaanaan Bulchiinsa Magaalaa Kolfee Qaraaniyoo obbo Tewoodiroos Wolde Mikaa’eel tajaajilli Giddugala ‘Kolfee Masoob’ tajaajila magaalaa guddichaa haala mijeessuuf bu’aa guddaa qaba jedhan.
#Itiyoophiyaan_Filatteetti #Itiyoophiyaan Mo’atteetti #Filannoo #ENA #ENA_Afaan_Oromoo