Shira filannoo gufachiisuuf yaadame fashaleessuun hojiin nageenyaa birmadummaa biyyaa mirkaneesse hojjetame - ENA Afaan Oromoo
Shira filannoo gufachiisuuf yaadame fashaleessuun hojiin nageenyaa birmadummaa biyyaa mirkaneesse hojjetame
Caamsaa 27/2018(ENA): Shirri filannoo waliigalaa 7ffaa gufachiisuuf diinota keessaafi alaan qindaa’e fashaleessuun hojiin nageenyaa birmadummaa biyyaa mirkaneesse hojjetameera jedhe Humni Waloo Nageenyaafi Tasgabbii.
Humni Walichaa raawwii nageenya filannoo gamaaggamuun adeemsa itti aanan irratti kallattii kaa’eera.
Komishinarri Jeneraalaa Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabramikaa’el wayita kana akka himanitti, Humni Walichaa akka biyyaatti hojiilee filannoon duraa, waqtii filannoofi filannoon boodaa irratti karoora baasuun qindoominaan hojjechaa jira jedhan.
Filannichi karaa nagaa qabeessa ta’een gaggeeffamuun isaa hojiileen riifoormii waggoottan jijjiiramaa darban dhaabbilee nageenyaa irratti hojjetaman dhaabbilee nageenyaa qabatamaan ergamawwan gurguddaa gahumsaan bahachuu danda’an uumamuu agarsiisa jedhaniiru.
Hojiin nageenyaa fi tasgabbii shira diinota keessaa fi alaan qindaa’e fashaleessee fi birmadummaa biyyaa mirkaneesse akkasumas bu’aa riifoormichaa qabatamaan agarsiise hojjetamuu eeraniiru.
Uummanni hirmaannaa tokkummaa fi birmadummaa cimsu hojjechuu eeraniiru.
Humni Waloo Nageenyaa fi Tasgabbii oppireeshiniin shororkeessitootaa fi finxaaleyyii irratti eegalame yeroo itti aanuttis cimee kan itti fufu ta’uu ibseera.
Yeroo itti aanutti taateewwan uummataafi mootummaa milkaa’inaan akka xumuramaniif hojiileen tasgabbii cimanii akka itti fufaniif kallattii kaa’eera.
#Itiyoophiyaan_Filatteetti #Itiyoophiyaan Mo’atteetti #Filannoo #ENA #ENA_Afaan_Oromoo