Yuunivarsiitichi manneen tajaajila tola ooltummaatiin ijaarsise namoota harka qalleeyyiif dabarsee kenne - ENA Afaan Oromoo
Yuunivarsiitichi manneen tajaajila tola ooltummaatiin ijaarsise namoota harka qalleeyyiif dabarsee kenne
Caamsaa 27/2018 (ENA): Yuunivarsiitiin Amboo Kaampaasiin Haacaaluu Hundeessaa manneen tajaajila tola ooltummaatiin ijaarsise namoota harka qalleeyyiif dabarsee kenne.
Manneen yunivarsiitichi ijaarsise Birrii miiliyoona 1.5’n ta’uu yeroo walharkaa fuudhinsaatti ifa ta'eera.
Diiniin Yunivarsiistii Amboo Kampaasii Haacaaluu Hundeessaa Injiinar Wayyeessaa Ararsaa akka himanitti, hojii baruu barsiisuu cinaatti tajaajila tola ooltummaatiin namoota harka qalleeyyii fayyadamoo taasisaa jira jedhani.
Yuunivarsiitichi manneen tajaajila tola ooltummaatiin ijaarsise har’a namoota harka qalleeyyiif dabarsee kenneera jedhan.
Manneen ijaarsifaman kunniin barsiisota, barattootaafi dhaabbilee tola ooltota irraa kan walitti qabame ta’uu himaniiru.
Itti dabaluunis yunivarsitichi tajaajila tola ooltummaa cimsuu fi rakkoo hawaasaa hiikuuf tattaaffii isaa akka cimsu mirkaneessaniiru.
Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Amboo obbo Haacaaluu Gammachuu tajaajila tola ooltummaa magaalattii keessatti gaggeeffamaa ture rakkoo hawaasummaa salphisuuf kan gargaare ta’uu eeraniiru.
Hojiin tola ooltummaa kun namoota harka qalleeyyii dhaqqabuuf isaan dandeessiseera jedhani.
Itti gaafatamtuun Waajjira Dubartootaa fi Daa’immanii Bulchiinsa Magaalaa Amboo aadde Ilillee Tasfaayee gama isaaniitiin, Yuunivarsiitiin Amboo, haadholii rakkoof saaxilamoo ta’aniif mana ijaaree dhiyeessuun, tajaajila tola ooltummaa magaalattii keessatti gaggeeffamaa jiruun barattoota rakkataniif meeshaalee barnootaa kennaa jira jedhan.
Jiraattota mana jireenyaa argatan keessaa Aadde Adaanech Chimsaa ijoollee isaanii sadan waliin mana kiraa keessa jiraachaa turani.
Manni kireeffatan waan dhimbisu tureef yeroo Gannaa isaan rakkoo hamaaf saaxilamoo akka turan himaniiru. Haa ta’u malee yeroo ammaa yunivarsiitiin Amboo Kampaasii Haacaaluu Hundeessaa mana ijaarsisee dabarsee isaaniif kennuun isaa gammachuu guddaa akka isaanitti hore dubbataniiru.
Fayyadamtuun kan biraa aadde Birhaanee Gammachuu gama isaaniitiin kanaan dura ijoollee isaanii shanan waliin daandiirra jiraachaa akka turan eeruun, manni amma yunivarsiitichi ijaarsisee kenneefii rakkoo kana akka dhabamsiise himaniiru.
#Itiyoophiyaan_Filatteetti #Itiyoophiyaan Mo’atteetti #Filannoo #ENA #ENA_Afaan_Oromoo