Tamsaasa Kallatti:

Filannoon Waliigalaa nagayaa, dimokiraatawaa, hirmaachisaa fi injifannoo Itiyoophiyaa kan agarsiisedha – Gamtaa Mana Maree

Caamsaa 27/2018 (ENA) – Filannoon waliigalaa Itiyoophiyaa torbaffaan nagaa, dimokiraatawaa, hirmaachisaa fi injifannoo Itiyoophiyaa kan mirkaneesse ta'uu Gamtaan Mana Maree Paartilee Siyaasaa Naannoo Oromiyaa beeksise.

Gamtaa Mana Maree Paartilee Siyaasaa Naannoo Oromiyaa walga’ii ariifachiisaa gaggeessuun ibsa ejjennoo baaseen, filannichi nagaa, dimokiraatawaa fi hirmaachisaa ta'ee gaggeeffamuu ibseera.


Barreessaan Gamtaa Mana Marichaa Obbo Taarikuu Dinbaruu yeroo ibsa ejjennoo sana dhiyeessan akka jedhanitti, filannoon baranaa qophii jalqabaarraa kaasee adeemsi baay’ee fooyya'aan kan keessatti mul’ate ture.

Adeemsi filannichaas nagaa, dimokraatawaa fi ummatni bilisaan sagalee isaa kan kennedha jedhaniiru.


Gamtaan Mana Maree Paartilee Siyaasaa Oromiyaa filannoon waliigalaa torbaffaan hirmaachisaa fi Itiyoophiyaa kan injifachiise, adeemsa seena qabeessaa fi nagaa ta'uu dubbataniiru.

Guyyaa sagaleen kennamaa ture sanatti ummatni naannichaa guutuun ganama barraaqaa kaasee hamma halkan walakkaatti obsaan hiriiree sagalee kennuun cichoomaa fi kutannoon argisiise baay'ee kan dinqisiifamudha jedhaniiru.

Naannoo Oromiyaatti filannichi milkiidhaan fi nagaan akka xumuramuuf lammiilee,qaamolee nageenyaa, paartilee siyaasaa dorgomtoota, dhaabbilee hawaasa siivilii fi raawwachiiftota filannoof gahee isaanii gumaachaniif galateeffataniiru.

Gamtaan Mana Marichaa guutummaa adeemsa filannichaa keessatti xiyyeeffannoodhaan socho'uun gahee isaa bahachuu ibsa ejjennoo isaaniitiin mirkaneessaniiru.

Filannichi haala nagaa, dimokiraatawaa fi milkaa'aa ta'een akka xumuramuuf Gamataan mana maree waliin ta'uu fi kutannoodhaan hojjachaa akka ture ibseera.

Filannoo waliigalaa torbaffaa kanaanis Itiyoophiyaanonni sirna dimokiraatawaan alatti abbaa aangoo ta'uun akka hin danda'amne gochaan argisiisaniiru jechuun ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015