Tamsaasa Kallatti:

Manni Marichi Wixinee labsiwwan tajaajila qilleensaa xiinxalee raggaasise

Caamsaa 27/2018 (ENA)– Manni Marri bakka bu’oota Ummataa walga’ii idilee 23ffaa har’a gaggeesseen, wixinee labsiiwwan waliigaltee tajaajila qilleensaa Itiyoophiyaan biyyoota adda addaa waliin taasifte xiinxalee raggaasiseera.


 

Itti Aanaan walitti qabaa koree dhaabbataa dhimmoota alaa fi Nagayaa doktar Fatihii Maahiddii, gabaasa fi yaada murtoo labsiiwwan wixinee waliigaltee tajaajila qilleensaa mana marichaaf dhiyeessaniiru.

Wayita sana wixinee labsiiwwan waliigaltee tajaajila qilleensaa kunneen invesitimentii hawwachuu fi bakka ga’umsa geejjiba qilleensaa babal’isuudhaan, guddina geejjiba qilleensaa fi dinagdee biyya keenyaatiif shoorri isaan qaban murteessaa dha jedhaniiru.


Walii galteewwan tajaajila qilleensaa kanneen keessaa mootummaa Itiyoophiyaa fi mootummaa Seeriyaa Liyoon gidduutti mallatteeffame isa tokko ta’uu eeranii, waliigaltichi dhaabbilee daandiiwwan qilleensaa gara bakka ga’umsa filatamanitti kallattiin akka qubatanii fi tajaajila aviyeeshinii mijataa akka kennan kan dandeessisu ta’uu hubachiisaniiru.

Wixinee labsii tajaajila qilleensaa kanas, mana marichi labsii lakkoofsa 1417/2018 godhee sagalee guutuun raggaasiseera.


Haaluma walfakkaatuun, wixineen labsii waliigaltee tajaajila qilleensaa Rippabliika Angoolaa fi Mootummaa Itiyoophiyaa gidduutti mallatteeffame mana marichaaf kan dhiyaate yoo ta’u; waliigaltichi hariiroo waggoota dheeraa biyyoota lamaan gidduu jiru caalaatti guddisuuf carraa kan uumu ta’uu ibsaniiru.

Odeeffannoon Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa akka agarsiisutti, wixineen labsii kun Labsii Lakkoofsa 1418/2018 ta’uun sagalee guutuun ragga’eera.

Gama biraatiin, waliigalteen tajaajila qilleensaa Mootummaa Itiyoophiyaa fi Baangilaadeesh gidduutti taasifame, yaa’insa geejjiba qilleensaa biyyoota lamaan gidduutti guddachaa jiru tilmaama keessa kan galche ta’uu kaasaniiru.

Itti dabaluudhaan Invesitimentii kallattii alaa hawwachuu, daldala, tuurizimii fi biyya keenyaaf sharafni alaa akka argamu gochuu keessatti shoora olaanaa qaba jedhaniiru.

Haaluma kanaan mana marichi wixinee labsii kana, Labsii Lakkoofsa 1419/2018 godhee sagalee guutuun raggaasiseera.

Labsii wixinee tajaajila qilleensaa kan biraa mana marichaan ragga’e, waliigaltee Mootummaa Itiyoophiyaa fi Mootummaa Mootii Eswaatinii gidduutti taasifameedha.

Kunis daangaa irra-deddeebii balali'aa malee balallii fe'umsaa gaggeessuu dabalatee, meeshaalee balaliif barbaachisan qaraxa gumruukii irraa bilisa galchuu kan dabalatu waan ta'eef, baasii balallii akka hir'isu hubachiisaniiru.

Haaluma walfakkaatuun, mana marichi wixinee labsii kana Labsii Lakkoofsa 1420/2018 godhee sagalee guutuun raggaasiseera.

Waliigalteewwan tajaajila qilleensaa kunneen, faayidaa Itiyoophiyaa kan kabachiisanii fi sektericha keessatti shoora ishiin naannichaa keessatti qabdu agarsiisuun fayyadamummaa ishee kan dabalan ta’uun ibsameera.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015