Bara bajatichaatti gaaffilee misoomaa ummataa deebisuuf hojiilee eegalaman xumuruuf ni hojjetama - ENA Afaan Oromoo
Bara bajatichaatti gaaffilee misoomaa ummataa deebisuuf hojiilee eegalaman xumuruuf ni hojjetama
Caamsaa 27/2018 (ENA) - Bara bajataa 2018 gaaffilee misoomaa ummataa deebisuuf hojiilee eegalaman xumuruuf akka hojjetamu paartii badhaadhinaatti hogganaan waajjira damee naannoo Hararii obbo Geetuu wayyeessaa ibsan.
Bara bajataa 2018 yeroo hafanitti naanoo Harariitti hojiilee hojjetamanirratti mariin gaggeeffameera..
Paartii badhaadhinaatti hogganaan waajjira damee naannoo Hararii obbo Geetuu wayyeessaa maricharratti akka ibsanitti, karoora bara bajatichaa itti aanu milkaa’inaan xumuruuf xiyyeeffatamee ni hojjetama.
Kanaaf dhaabbileen gaaffilee bulchiina gaarii fi misoomaa ummanni gaafatu deebisuuf hojiilee eegalan yeroo hafetti xumuruuf xiyyeeffatanii hojjechuu akka qaban ibsaniiru.
Keessumaa bu’aalee misooma turizimii, qulqullinaa fi qaqqabummaa tajaajila barnootaa fi fayyaa fi miaooma kooriidariirratti galmaa’an cimsuun itti fufsiisuun xiyyeeffannoon addaa akka kennamuuf ibsaniiru.
Maaddii guutuu fi qonna magaalaa cimsuudhaan oomishaa fi oomishtummaa qonnaa guddisuun bara bajatichaatti xiyyeeffannoo addaatiin cimanii akka itti fufan hubachiisaniiru.
Carra hojii uumuudhaaf xiyyeeffannoo kennuudhaan fayyadamummaan dinagdeesanii akka guddatu gochuun tumsi akka taasifamu ibsaniiru.