Bu'uraaleen Misoomaa Sektara Fayyaatiin raawwataman Itiyoophiyaan Wiirtuu Turizimii Fayyaa akka taatuuf humna guddaa ta'aa jiru - ENA Afaan Oromoo
Bu'uraaleen Misoomaa Sektara Fayyaatiin raawwataman Itiyoophiyaan Wiirtuu Turizimii Fayyaa akka taatuuf humna guddaa ta'aa jiru
Caamsaa 27/2018 (ENA) – Ijaarsi bu’uraalee misoomaa fi fooyya’iinsi qulqullinaa sektara fayyaa keessatti raawwataman, Itiyoophiyaa wiirtuu turizimii fayyaa gochuuf humna guddaa ta’aa dhufuusaanii de’eetaan Ministira Fayyaa Doktar Darajjee Dhugumaa ibsan.
Mootummaan Itiyoophiyaa fayyaa lammiilee eeguu fi dhaqqabamummaa tajaajila yaalaa haqa qabeessa ta’e mirkaneessuuf, imaammata fayyaa haaraa fooyya’e hojiirra oolchee kan jiru yoo ta’u, kunis dhukkuba ittisuu fi tajaajila yaalanii fayyisuu kennuu irratti xiyyeeffannoo guddaa godhateera.
De’eetaan ministira Fayyaa Doktar Darajjee Dhugumaa ENA’f akka ibsanitti; yeroo dhiyoo as jijjiiramni haala jireenyaa, hir’inni sochii qaamaa fi dhabamni sirna nyaata madaalawaa hawaasa biratti argamu, dhukkuboonni daddarboo hin taane haalaan akka dabalaniif sababa ta'eera.
Kanaafis dhukkuboota kanneen sadarkaa adda addaatti dursanii adda baasuu fi dandeettii yaalanii fayyisuu haala wal-gituun ol guddisuun barbaachisaa ta'ee waan argameen, imaammatni yaalanii fayyisuu inni haaraan xiyyeeffannoon hojiirra oolaa jira jedhaniiru.
Imaammata haaraa kana hordofuun, dhaabbilee fayyaa sadarkaa hundatti argaman keessatti meeshaaleen yaalaa guutuun akkasumas humna namaa leenji'e lakkoofsaanis ta'e gosaan akka jiraatu gochuun, fayyaa hawaasaa eeguuf hojiiwwan hedduun raawwatamuu isaanii yaadachiisaniiru.
Hospitaalonni gurguddoon sadarkaa Idil-Addunyaa kan eeggatan akka ta'an hojiiwwan hojjetamaa jiruun, hospitaalotni kunneen kanaan dura biyya keessatti tajaajiloota yaalaa ol’aanoo hin kennamne bifa bal'aan kennuu jalqabuu isaanii ibsaniiru.
Milkaa'inni kunis, lammiilee tajaajila yaalaa fooyya'aa barbaacha gara biyya alaa deeman lakkoofsa isaanii haala hiika qabuun hir'isuun danda'amuu isaa eeraniiru.
Galma Itiyoophiyaa wiirtuu turizimii fayyaa gochuuf qabame milkeessuuf, Finfinnee fi magaalota naannolee keessatti mootummaanis ta'e dameen dhuunfaa Hospitaalonni gurguddoo ijaaranii gara hojiitti akka galan ta'uu isaa eeraniiru.
Gama biraatiin, qorichaa fi meeshaalee yaalaa dandeettii biyya keessaatiin oomishuun milkaa'ina waaraa sektarichaaf dhimma furtuu ta'uu kan ibsan De’eetaan ministiraa kun gama kanaan mootummaan xiyyeeffannoo addaa kennee socho'uu isaatiin bu'aawwan jajjabeessaan hedduun galmaa'aa jiraachuu itti dabaluun ibsaniiru.
Haaluma kanaan, waggoota torba dura dandeettii qorichaa fi meeshaalee yaalaa ofiin oomishuu sadarkaa gadi aanaa dhibbeentaa 8 irra ture, yeroo ammaa kana gara dhibbeentaa 44 irratti ol guddisuun danda'amuu isaa ifa godhaniiru.
Fuuldurattis oomishtoota biyya keessaa caalaatti cimsuudhaan, dandeettii oomishuu kana gara dhibbantaa 60 keessatti geessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru De’eetaan Ministira kun ibsaniiru.