Yuunivarsiitiin Haramaayaa teeknooloojiiwwan qorannoo qonnaa jijjiirama qilleensaa dandamachuu danda’an cimsaa jira - ENA Afaan Oromoo
Yuunivarsiitiin Haramaayaa teeknooloojiiwwan qorannoo qonnaa jijjiirama qilleensaa dandamachuu danda’an cimsaa jira
Caamsaa 27/2018 (ENA): Yuunivarsiitiin Haramaayaa oomisha qonnaa jijjiirama qilleensaa dandamachuu danda’uu fi omisha olaanaa argamsiisuu danda’u irratti hojii qorannoo fi ce’umsa teeknooloojii daran cimsuu beeksise.
Akka itti aanaan pireezidaantii qorannoo fi misooma hawaasaa yunivarsiitichaa Dr. Isaaq Yusuuf himanitti, yeroo ammaa kana gosoota midhaanii fi horsiisa beeyladaa jijjiirama qilleensaa wajjin walsimu irratti xiyyeeffatanii hojjechaa akka jiran dubbatan.
Gosoota midhaanii fi beeyladaa haaraa haala qilleensaa jijjiiramaa naannoo tokkoon tokkoon isaanii dandamachuu danda’anii fi hawaasaa fi qonnaan bultootaaf oomisha fooyya’aa argamsiisuu danda’an raabsuu fi babal’isuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu eeraniiru.
Haaluma kanaan bara kana qofa oomishaalee qonnaa jiranii fi haaraa jijjiirama qilleensaa dandamachuu danda’anii fi omisha olaanaa argamsiisan 120 hawaasaaf dhiyaachuu isaanii itti aanaan pireezdaantii beeksisaniiru.
Itti dabaluunis yuunivarsitichi damee qonnaa qofa osoo hin taane fayyaa fi teeknooloojiin hojjachaa jiraachuu fi beekamtii argachaa jiraachuu ibsaniiru.
Keessumaa gama teeknooloojiin teeknooloojiiwwan jijjiirama qilleensaaf mijatoo fi baasii xiqqaa ta’een qopheessuuf qorannoon hojjetamaa jira jedhan.
Yuunivarsiitichatti Piroofeesara Saayinsii Biqiltootaa fi Qindeessaa Qorannoo Qonnaa kan ta’an Dr. Yoonaas Mogas jijjiiramni qilleensaa yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufuun omishaafi oomishtummaarratti dhiibbaa geessisaa jiraachuu ibsaniiru.
Dhiibbaan jijjiirama qilleensaa keessumaa kutaalee Baha biyyattii keessatti mul’achuu isaa hubachiisuun, rakkoo kana furuuf yunivarsiitichi teeknooloojiiwwan qorannoo adda addaa hojjeteera jedhan.
Bara darbe gosootni loozii hongee dandamatanii fi oomisha gahaa kennan lama misoomsuun qonnaan bultootaaf naannoo roobni muraasni itti roobutti raabsamuu eeraniiru.
Gosoota midhaanii biroo adda addaa jijjiirama qilleensaa dandamachuu danda’an irrattis qorannoon taasifamaa jiraachuu fi fayyadamtootaaf raabsamaa jiraachuu ibsaniiru.
Inistiitiyuutii Teeknooloojii Yunivarsiitichatti Daarektarri Olaanaa, Barsiisaa fi Qorataan Injinar Hamzaa Ahmadnuur akka jedhanitti, yuunivarsitichi pirojektoota qorannoo gama teeknooloojii rakkoo hawaasaa furuun gaggeessaa jira.
Injiinar Hamzaa akka jedhanitti, meeshaalee naannootti argamanii fi baasii xiqqaa ta’an fayyadamuun manneen ijaaruu irratti qorannoon gaggeeffamuu eeruun, kunis akka biyyaatti fudhatama argatee babal’isuuf hojiin hojjetamaa jira jedhan.
Yuunivarsiitiin Haramaayaa tibbana Yaa’ii Gamaaggama Qorannoo fi Hirmaannaa Hawaasaa Waggaa 43ffaa gaggeessuun ni yaadatama.
#Itiyoophiyaan filatteetti #Itiyoophiyaan_Mo’atteetti #ENA_Afaan_Oromoo #ENA#Filannoo