Tamsaasa Kallatti:

Kaka’umsi ummanni filannoo baranaa irratti dammaqinaan hirmaachuun agarsiiftuu ijaarsa sirna dimookiraasiif bu’uura kan kaa’edha -Hayyoota

Caamsaa 27/2018 (ENA): Filannoo waliigalaa 7ffaa irratti dammaqinaan hirmaannaan ummataa sirna dimokiraasii cimsuu fi ijaarsa mootummaaf bu’uura cimaa kaa’uu isaa hayyoonni yuunivarsiitii ibsaniiru.

Filannoo waliigalaa torbaffaa kanaaf filattootni miiliyoona 54 fi kuma 57 fi 861 galmaa’uun Caamsaa 24, 2018 sagalee kennuun milkaa’inaan gaggeeffameera.

Barsiisonni yunivarsiitii adda addaa ENA waliin turtii taasisan akka ibsanitti, hirmaannaan ummataa dammaqinaan filannoo kana keessatti taasise sirna dimokiraasii cimsuu fi ijaarsa mootummaaf bu’uura cimaa kaa’eera.

Yunivarsiitii Bulee Horaa keessatti barsiisaa Saayinsii Siyaasaa fi Hariiroo Alaa kan ta’an Nagaasaa Galaanaa akka himanitti, Adeemsi filannoo waliigalaa hirmaannaa ummataa cimaa ta’e kan itti mul’ateefi filattootni hedduun sagalee isaanii kan kennanidha jedhani.

Hirmaannaan ummataa ijaarsa sirna dimookiraasiif bu’uura kan kaa’udha jedhani.

Qorataan saayinsii hawaasaa fi Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaa Dr. Riyaad Daawud akka jedhanitti, paartileen siyaasaa yaada irratti kan hundaa’an yoo ta’u, hirmaannaan ummataa dammaqinaan sirni dimokiraasii akka guddatuuf bu’uura ta’uu fi sirni dimokiraasii itti fufiinsa akka qabaatuuf karaa kan saaqudha jedhani.

Filannoo irratti hirmaachuun mul’ata jaalala biyyaa ta’uu kan ibsan Dr. Riyaad Daawud hirmaannaa kana hojii misoomaa fi nageenya ijaaruu keessatti irra deebi’uun itti gaafatamummaa waloo hunda keenyaa ta’uu qaba jechuun ibsaniiru.

Lammiileen filannoo irratti sagalee kennan haala hawaasummaa adda addaa keessatti arguun keenya, har’a qofa osoo hin taane Itiyoophiyaa boruufis xiyyeeffannaa kennuu isaanii kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.

#Itiyoophiyaan filatteetti #Itiyoophiyaan_Mo’atteetti #ENA_Afaan_Oromoo #ENA#Filannoo

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015