Madaallii hundaanuu adeemsa filannoo Itiyoophiyaa mo’attuu taasisedha-Mana maree waloo paartilee siyaasaa Itiyoophiyaa - ENA Afaan Oromoo
Madaallii hundaanuu adeemsa filannoo Itiyoophiyaa mo’attuu taasisedha-Mana maree waloo paartilee siyaasaa Itiyoophiyaa
Caamsaa 27/2018(ENA)-Filannoon walii galaa 7ffaan madaallii hundaanuu adeemsa filannoo Itiyoophiyaa mo’attuu taasise ta’uu walitti qabaan mana maree waloo paartilee siyaasaa Itiyoophiyaa Salamoon Ayyalaa ibsan.
Adeemsa filannoo walii galaa fi hirmaannaa lammiilee ilaalchisee walitti qabaan mana maree waloo paartilee siyaasaa Itiyoophiyaa Salamoon Ayyalaa ENA waliin turtii taasisaniiru.
Adeemsi filannichaa jalqabarraa kaasee paartilee hedduu hirmaachisuudhaan wal falmii yaadaatiin kan fulla’ee fi sagalee kennuufis namoonni hedduun kan itti galmaa’an ta’uu ibsaniiru.
Filannoo kanarratti namoonni bokkaan, qorri, aduun osoo isaan hin gufachiisiin kan itti filatan taatee seena qabeessa ta’uu dubbataniiru.
Fulannoon walii galaa 7ffaan Itiyoophiyaan gaggeessite karaa hunda hirmaachiseen nagaan akka xumuramu manni maree waloo kun tumsaan hojjechaa turuu kaasaniiru.
Filannichi adeemsa filannoo nagaa fi demokiraatawaatiin Itiyoophiyaa mo’attuu kan taasise ta’uu dubbataniiru.
Akka walii galaatti filannichi milkaa’aa ta’iisaa ibsanii, dorgommiin paartilee siyaasaa jidduutti jiru akkuma jirutti ta’ee fuulduratti biyya ijaaruu keessatti waloomaan dhaabachuun akka barbaachisu eeraniiru.