Itiyoophiyaan deeggarsa gamtaa Afriikaa fi ajandaawwan Ardii Afriikaaf gootu cimsitee itti ni fufti-Ambaasaaddar Lamlam Fissahaa - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan deeggarsa gamtaa Afriikaa fi ajandaawwan Ardii Afriikaaf gootu cimsitee itti ni fufti-Ambaasaaddar Lamlam Fissahaa
Caamsaa 26/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan deeggarsa gamtaa Afriikaa fi ajandaawwan Ardii Afriikaaf gootu cimsitee akka itti fuftu ambaasaaddar Lamlam Fisahaa ibsan.
Dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yuusuuf gamtaa Afriikaatti errgamtuun dhaabbataa Itiyoophiyaa haaraa ta’uun kan muudaman xalayaa muudamaa ambaasaaddar Lamlam Fissahaa har’a fudhataniiru.
Dura taa’aan kun ambaasaaddar Lamlam Fissahaatiin baga gammaddan jechuun ergaa kan dabarsan yoo ta’u muuxannoo fi hoggansi ambaasaaddaritti tumsa Itiyoophiyaa fi gamtaa Afriikaa jidduu jiru caalaatti akka cimsu ibsaniiru.
Deeggarsa fulla’aa Itiyoophiyaan gamtichaaf gochaa jirtu kan dinqisiifatan dura taa’aan kun, adeemsi filannoon walii galaa Itiyoophiyaatti gaggeeffame naga qabeessaa fi sirna eegee gaggeeffamuusaa galateeffataniiru.
Qaamoleen lamaan taateewwan riijinii fi idil addunyaarratti akkasumas ajandaawwan gamtichaa ijoorratti yaada bal’aa kan wal jijjiiran yoo ta’u, galmoota gamtichaa milkeessuu fi gufuulee Afriikaa mudatan qolachuuf komishinichi Itiyoophiyaa waliin walitti dhiheenyaan hojjechuuf qophii ta’uusaa dura taa’aan kun mirkaneessaniiru.
Ambaasaaddar Lamlam Fissahaa gamasaaniin gaggeessummaa dura taa’ichaa dinqisiifatanii, Itiyoophiyaan gamtaa Afriikaa fi ajandaawwan Ardichaaf deeggarsa taasiftu cimsitee itti fufti jedhaniiru.
Mootummaan Itiyoophiyaa komishinicha waliin walitti dhiheenyaan hojjechuuf qophii ta’uusaa odeeffannoon gamtaa Afriikaarraa arganne ni mul’isa.