Itiyoophiyaanonni Filannoo milkaa'aa fi nagayaa ijaarsa sirna dimokiraasiitiif boqonnaa haaraa bane gaggeessaniiru - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaanonni Filannoo milkaa'aa fi nagayaa ijaarsa sirna dimokiraasiitiif boqonnaa haaraa bane gaggeessaniiru
Caamsaa 26/2018(ENA)-Filannoon walii galaa 7ffaan, Itiyoophiyaanonni kutannoo sirna dimokiraasii ijaaruuf qaban gochaan agarsiisuun boqonnaa haaraa kan bane, milkaa'aa fi nagaa akka ture gareen jila taajjabdoota waloo filannoo Gamtaa Afrikaa fi IGAD beeksisaniiru.
Gamtaan Afriikaa fi IGAD, filannoo walii galaa Itiyoophiyaa 7ffaa ilaalchisee kutaalee biyyattii garaa garaa keessatti taajjabdoota bobbaasuun waan taajjaban irratti gabaasa bu'aa jalqabaa irratti ibsa waloo kennaniiru.
Pirezidantiin duraanii Keeniyaa fi hogganaan garee taajjabdoota filannoo Gamtaa Afrikaa Uhuruu Keeniyaataa fi Itti anaan pirezidaantii Yugaandaa duraanii_fi hogganaan garee taajjabdoota filannoo IGAD Doktora Ispeesiyoozaa Waandiiraa Kaaziibwee ibsa waliinii kennaniiru.
Hogganaan garee taajjabdoota filannoo Gamtaa Afrikaa Uhuruu Keeniyaataa akka ibsanitti; Mootummaan Itiyoophiyaa sirna dimokiraasii ijaaruu cimsuuf hojii dinqisiisaa hojjateera.
Adeemsi kenninsa sagalee filannoo walii galaa Itiyoophiyaa 7ffaa seera biyyaalessaa fi hammattoo seera Idil-Addunyaa hordofuun milkiin xumuramuusaa mirkaneessaniiru.
Qophii filannoo fi adeemsa sagalee kennuu keessatti hojiiwwan tekinoolojii dabalatee raawwataman, adeemsa sagalee kennuu ariifachiisuurratti milkaa'aa akka ture ibsaniiru.
Sa'aatiin sagalee kennuu dheerachuun isaa filattootaaf carraa dabalataa kan kenne yoo ta'u, qaama miidhamtootaaf, maanguddootaaf fi kutaalee hawaasaa garaa garaatiif adeemsa sagalee kennuu keessatti dursi kennamuun isaa hirmaannaa lammiilee akka gaariitti kan mirkaneesse ta'uu ibsaniiru.
Guutuu Itiyoophiyaa keessatti raawwachiistonni filannoo fi qaamoleen nageenyaa itti gaafatamummaa itti kenname akka gaariitti ba'achuu isaanii, miidiyaaleenis haaluma kanaan miira itti gaafatamummaa guddaadhaan hojii isaanii raawwachuu isaanii dinqisiifataniiru.
Waliigala hirmaannaanii fi gootummaan uummanni Itiyoophiyaa filannichaan agarsiise baay'ee kan galateeffatamu ta'uu kaasaniiru.
Itti aanaan pirezidantii Yugaandaa duraanii fi hogganaan garee taajjabdoota filannoo IGAD Doktora Ispeesiyoozaa Waandiiraa Kaaziibwee; miseensonni garee taajjabdoota filannoo IGAD buufataalee filannoo argaman keessatti adeemsi sagalee kennuu sa'aatii karoorfameetti jalqabameera jedhaniiru.
Gareen taajjabdoota IGAD naannolee Oromiyaa, Amaaraa, Sidaamaa fi Somaalee fi magaalota Dirree Dawaa fi Finfinnee keessatti buufataalee bobba'anitti meeshaaleen filannoo raawwachiisuuf gargaaran guutamanii adeemsi sagalee kennuu iftoomina kan qabuu fi sochii filattootaatiif baay'ee mijataa akka ture beeksisaniiru.
Guyyaa filannichaa buufataalee keessatti hiriirri dheeraan kan ture ta'us, boordiin filannoo sa'aatii hanga halkan sa'aatii ja'aatti dheeressuu isaa hordofuun, ummatni filataan obsa guddaa fi tasgabiidhaan sagalee isaa kennuu danda'uusaanii ibsaniiru.
Humnoonni nageenyaas naannoo sana keessatti ergama ummataa isaaniif kenname ba'achuun, nageenya adeemsa filannichaatiif gumaacha guddaa fi gaarii ta'e gumaachuu isaanii dubbataniiru.
Qaamoleen dhimmi ilaallatu adeemsa filannichaa keessatti itti gaafatamummaa isaanii sirriitti ba'achuun, filannoo biyyaalessaa 7ffaan Itiyoophiyaanonni kutannoo sirna dimokiraasii ijaaruuf qaban gochaan agarsiisuun boqonnaa haaraa kan bane, milkaa'aa fi nagayaa ta'uu isaa mirkaneessaniiru jedhaniiru.