Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Harariitti  lafa hektaara kuma 11fi  956 sanyiin facaasuuf karoorfamee hojjatamaa jira

Caamsaa 26/2018 (ENA) Naannoo Harariitti qonna Arfaasaa fi Gannaatiin waliigala lafti  heektarri kuma 11 fi  956 sanyiidhaan facaasuuf  karoorfamee hojjatamaa akka jiru Biroon Qonnaa naannichaa beeksiseera.

Itti-Antuun Pirezidaantii Naannichaa fi hoggantuun Biiroo Misooma Qonnaa  Roozaa Umar akka ibsanitti; lafa xiqqaa naannicha keessa jiru sirnaan itti fayyadamanii oomishtummaa guddisuuf hojiin qindoomina qabu hojjatamaa jira.

Naannichatti bara oomishaa 2018/19 keessa Qonna Arfaasaa fi Gannaan waliigala lafa hektaara  kuma 11 fi  956 midhaan  akaakuuwwan adda addaatiin misoomsuuf hojjatamaa akka jiru ibsaniiru.

Rooba Arfaasaatiin  hanga yoonaatti lafti heektarri  kuma 8 fi  681 sanyiin  faca’uu  eeranii, lafa hafe heektara  kuma 3 fi 275 immoo rooba gannaatiin bisingaa fi qamadii  dafee gahu facaasuuf hojiin qophii duraa barbaachisu hojjatamaa jira jedhaniiru.

Aanaalee baadiyyaa naannichaa sadan keessatti  sanyiiwwan midhaanii misoomaa jiran Bisingaa, boqqolloo fi qamadii ta'uusaaniis eeraniiru.

 Oomishtummaa qonna gannaa guddisuuf xaa'oon, sanyii fi dhiyeessii galteewwan  qonnaa biroon qonnaan bulaaf raabsamuu isaa kan eeran Itti-Antuun Pirezidantii kun, bara oomisha kana keessa sanyiiwwan midhaanii  misoomaa  jiran irraa oomisha kuntaala kuma 300  walitti qabuuf karoorfamuu isaas ibsaniiru.

Ogeeyyiin  qonnaa sadarkaan jiran qonnan  bultootaaf deeggarsa ogummaa barbaachisu taasisaa akka jiranis ibsaniiru.

Kanaanis Qonnan  bultoonni  rooba eeggachuu irraa bilisa gochuu fi fayyadamummaa isaanii guddisuu irratti hojiin jajjabeessaan hojjatameera jedhaniiru.

Fuuldurattis bu'aawwan jajjabeessoo argaman ittifufuudhaan fayyadamummaa qonnaan bultootaa mirkaneessuu fi oomishtummaa guddisuuf xiyyeffannoo guddaan kan kennamu ta'uu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015