Adeemsi Dimokiraasii haala qabatamaa fi muuxannoo Ardii keenyaa wajjin kan wal simate akka ta'u gochuu keessatti dhaabbileen Afrikaa gahee murteessaa bahatu – Minisira Muummee Doktar Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Adeemsi Dimokiraasii haala qabatamaa fi muuxannoo Ardii keenyaa wajjin kan wal simate akka ta'u gochuu keessatti dhaabbileen Afrikaa gahee murteessaa bahatu – Minisira Muummee Doktar Abiyyi Ahimad
Caamsaa 26/2018 (ENA) - Adeemsi dimokraasii haala qabatamaa fi muuxannoo Ardii keenyaa wajjin kan wal simate akka ta'u gochuu keessatti dhaabbileen Afrikaa gahee murteessaa bahatu jedhan Minisitirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad.
Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti dabarsaniin, Pirezidaantii Keeniyaa duraanii Uhuruu Keeniyaataa fi waahillan hojiisaanii waliin wal arguu kootti, gammachuu guddaan natti dhaga'ameera jedhaniiru.
Garee jila taajjabdoota filannoo Gamtaa Afrikaa miseensota 73 qabuu fi Uhuruu Keeniyaataatiin durfamu, tattaaffii fi gumaacha isaan adeemsa ijaararsa dimokiraasii keenyaaf taasisaniif galata guddaa dhiyeessina jedhaniiru.
Adeemsi dimokiraasii haala qabatamaa fi muuxannoo Ardii keenyaa wajjin kan wal simate akka ta'u gochuu keessatti dhaabbileen Afrikaa gahee murteessaa bahau jedhaniiru Ministirri Muummee ergaa isaaniitiin.
Adeemsa filannoo keenya deeggaruuf guutuu biyyattii keessatti taajjabdoota bobbaasuun tattaaffii walirraa hin cinne gareen jila taajjabdoota filannichaa taasiseef beekamtii fi dinqisiifannaa kenninuu, bu'aa guutuu kan xiinxala isaanii ni eegganna jedhaniiru.