Haalli Filannoon waliigalaa 7ffaan Itiyoophiyaa keessatti geggeeffame dinqisiifatamaadha - garee taajjabdoota Filannoo Gamtaa Afriikaa fi IGAD - ENA Afaan Oromoo
Haalli Filannoon waliigalaa 7ffaan Itiyoophiyaa keessatti geggeeffame dinqisiifatamaadha - garee taajjabdoota Filannoo Gamtaa Afriikaa fi IGAD
Caamsaa 26/2018 (ENA)-Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa filannoo walii galaa 7ffaa gaggeessuuf taasisee fi dandeettiin inni filannicha itti raawwachiisee kan dinqisiifatamu ta'uu hogganoonni garee taajjabdoota filannoo Gamtaa Afriikaa fi IGAD ibsaniiru.
Gareen taajjabdoota filannoo walii galaa 7ffaa Gamtaa Afriikaa fi IGAD, adeemsa filannichaa ilaalchisee gabaasa gamaaggama isaanii jalqabaa irratti ibsa kennaniiru.
Ibsa isaanii kanaanis, walaba ta'uun boordii filannichaa, qophiin teekinoolojii, hirmaachisummaasaa fi bulchiinsi filannichaa cimina kan qabu akka ture kaasaniiru.
Kaadhimamtoonni fi filattoonni seenaa Itiyoophiyaa keessatti yeroo jalqabaatiif galmee tekinoolojiin deeggarame taasisuu isaaniis akka taajjaban eeraniiru.