Gamtaan Awurooppaa fi Biyyoottan Michuu Adeemsa Filannoo Waliigalaa 7ffaa Itiyoophiyaan gaggeessite dinqisiifatan - ENA Afaan Oromoo
Gamtaan Awurooppaa fi Biyyoottan Michuu Adeemsa Filannoo Waliigalaa 7ffaa Itiyoophiyaan gaggeessite dinqisiifatan
Caamsaa 26/2018 (ENA)- Gamtaa Awurooppaa fi biyyoottan michuu adeemsa filannoo waliigalaa 7ffaa Itiyoophiyaan Caamsaa 24 bara 2018 gaggeessite dinqisiifataniiru.
Embaasiiwwan biyyoota miseensa gamtichaa kanneen teessoon isaanii Finfinnee ta’e, akkasumas Embaasiiwwan Kanaadaa, Norweeyii fi Siwiizarlaandi Itiyoophiyaa keessa jiran waa’ee filannichaa ilaalchisee ibsa waloo baasaniiru.
Ibsa isaaniitiinis, Boordiin Filannoo Biyyaalessa Itiyoophiyaa, raawwachiistonni filannoo, paartileen siyaasaa, kaadhimamtoonni fi dhaabbileen siivilii filannoon waliigalaa kun milkiidhaan akka raawwatamuuf gumaacha taasisan dinqisiifataniiru.
Biyyoonni kunniin Gamtaan Afrikaa fi IGAD gahee taajjabdummaa filannicha irratti qaban beekamtii kennuu isaaniis mirkaneessaniiru.